Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warqeen Afriikaa Keessaa Seeraan Ala Gara Alaatti Guuramaa Akka Ture Ibsamee Jira


FILE- Albuuda baastonni dhoqqee warqee of keessaa qaba jedhanii abdatan oggaa baasan, Yugaandaa Onk.1 8, 2021.
FILE- Albuuda baastonni dhoqqee warqee of keessaa qaba jedhanii abdatan oggaa baasan, Yugaandaa Onk.1 8, 2021.

Warqeen Doolaara Biliyoonaan lakkaa’amu waggaa waggaan Afrikaa keessaa seeraan ala kan bahu yoo ta’u irra caalaan dhumni isaa Yunaayitid Arab Emireetitti ta’uu kan ibsee gabaasni kamiisa kaleessaa ba’e, achitti qulqullaa’ee maamiltoota addunyaa maraaf dabarfamee akka gurguramu ibsee jira. Warqeen Doolaara Biiliyoona 30 ol baasuu bara 2022tti Afrikaa keessaa seeraan ala akka ba’e gabaasni garee Siwiizarlaand Aid jedhamu maxxansee ni mul’isa. Warqeen Afrikaa kun irra caalaan dhuma irratti Yunaayitid Arab Emireets, Turkii fi Siwiizarlaand dhaqqabu jedha.

Gabaasni kun akka agarsiisutti warqeen Afrikaa keessatti oomishamu keessaa dhibbeentaa 32 hanga dhibbeentaa 41 ga’u akka ifatti hin labsamne ibseera. Bara 2022tti Gaanaan Afrikaa keessatti warqee oomishuuf sadarkaa olaanaa kan qabdu yoo ta’u Maalii fi Afrikaa Kibbaa itti aananii jiru.

Yunaayitid Arab Emireets hanga ammaatti bakka warqeen seeraan alaa itti galfamu ijoo ta’uu gabaasichi ibsee oomishinii Afrikaa irraa ta’e kun kan ifatti hin himamnee gara meetiriik toonii 405 ta’u achitti xumurama. Warqee Afrikaa guddaa kan bittuu biyyi biraa Siwiizarlaand bara 2022tti warqee ifatti hin labsamne gara meetiriik toonii 21 Afrikaa irraa galfatte jedha gabaasni kun.

Warqeen Afrikaa karaa biyyoota sadaffaatiin galfamu tilmaama keessa yoo galfame lakkoofsi isaa dhugaan baayyee ol ka’uu danda'a jedha gabaasichii. Garuu warqeen erga qulqullaa'ee booda dhuma irratti eessa akka ga’u hordofuun hin danda'amu jechuun rakkisaa dha jedha.

Kuusaan odeeffannoo Istaatistiksii Daldala Meeshaalee galii fi al-ergii ta’an bal’aa of keessaa qabu kan Tokkummaa Mootummoota akka agarsiisutti Siwiizarlaand warqee Yunaayitid Arab Emireets irraa bituun ijoo ta’uu ishee ibsa. Angawaan waajjira miidiyaa mootummaa Yunaayitid Arab Emireets keessa jiru tokko akka jedhanitti, biyyattiin yaaddoo naannoo daddabarsa warqee fi balaa inni fidu furuuf tarkaanfii guddaa fudhattee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG