Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Miliyoona 100 fi Miliyoona 14 Manaa fi Qe’ee Isaanii Irraa Godaananiiru Jedha Tokkummaan Mootummootaa


FAAYILII - Namoota qehee ofii irraa buqahani qarqaarsa eeggachaa jiran, Dijiiboo, Burkiinaa Faasoo, Caamsaa 26, 2022.
FAAYILII - Namoota qehee ofii irraa buqahani qarqaarsa eeggachaa jiran, Dijiiboo, Burkiinaa Faasoo, Caamsaa 26, 2022.

Lakkoofsi namoota sababa wal waraansa hokkaraa fi ari’atama irraa kan ka’e qe’ee isaanii irraa dheessanii miliyoona 100 fi Miliyoon 14 kan ga’e ta’u kamiisa kaleessaa kan ibsan aangawaan waa’ee baqattootaa Tokkummaa Mootummootaa sababaan isaa, qabsaa’onni seera addunyaa kabajuu waan didaniif lakkoobsi kun ol ka’aa jira jedhan .

Filippo Grandi haasaa cimaa taasisaniin,gola naga eegumsaa kan Tokkummaaa Mootummootaa kan nagaa fi nageenya idil-addunyaa eegsisuun irra ture qeeqan,

Silaa sagalee isaa fayyadamuun waldhabdee Gaazaa, Yukireen fi Sudaan irraa kaasee hanga Koongoo, Miyanmaar fi bakkeewwan biroo hedduutti furuuf yaaluu dhabuu isaa qeeqan

Kana malees, biyyoonni maqaan isaanii hin ibsine "murtee imaammata alaa fageessanii hin ilaalan ittiin jedhan, yeroo baayyee ulaagaa jiru haala ilaalanii kan murteessan, afaaniin dubbachuu malee seera jiru irratti hirkatanii kanneen hin murteessine, garuu humna xiqqaan mana maree irraa qabaniin kabachiisuuf isa waliin nagaa fi nageenyaaf jilbeenfate" jechuun himatatan."

Grandi akka jedhanitti seera gargaarsa namoomaa idil-addunyaa kabajuu dhabuun "qaamotni waldhabdee bakka hundatti baay'achaa dhufeef, hundi isaanii jechuun ni danda'ama - seera waraanaa kabajuu dhaabaniiru" hangi tokko immoo kan kabajan fakkeessaa jiru jedhan.

Bu’aan isaas, du’a namoota siiviilii baay’ee, hokkara saalaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu, hospitaalota manneen barnootaa fi bu’uuraaleen siiviilii biroo haleelamuu fi barbadaa’uu hojjettoonni gargaarsa namoomaa qiyyaafata ta’uu dubbataniiru.

Komishinarri olaanaa kan waa’ee baqattootaa mana maree kanaaf akka himanitti, namoota kuma kurnootaan lakkaa’aman Gaazaa, Yukireen, Sudaan fi waldhabdee biroo keessatti ajjeefamaniif yeroon itti darbee jira jedhan.

Garuu xiyyeeffannoo fi humna keessan rakkoolee fi waldhabdee furmaata hin arganne irra kaa'uun yeroon isaa kan itti darbee miti jedhan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00
More
XS
SM
MD
LG