Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Dadhabbii Hojiiwwan Suur-Sagalee Sirboota Afaan Oromoo Keessa Jiru’


‘Dadhabbii Hojiiwwan Suur-Sagalee Sirboota Afaan Oromoo Keessa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:08 0:00

Qindeessitootni Suur- Sagalee sirbootaa kan Afaan Oromoo, ammaa, viidoyoowwan isaanii fooyya’us deeggarsi fi qindoominni hojiisaa baayyee rakkisaa ta’uu dubbatanii jiru. Beqaaluu Daanyee, hundeessaan Yaayyoo Istuudiyoo, hojiin suur sagalee sirboota Afaan Oromoo ammaa kan duubatti hafe ta’uu dubbatee, kanaafis deggersi mootummaa dhabuu isaa komata. Weellisaa Zaakir Abdallaa, kan Istuudiyoo Seenaa hundeessaa ganna torbaa oliif hojii suur sagalee sirbaa qindeessuurra jiru hojiin weellistoonni Oromoo hojii Suur sagalee sirbaa fooyyessuuf yaalan bu’aa buusaa jira jedhee deggersi mootummaa hanqachuu dubbata.

Obbo Daraaraa Katamaa; Angawaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa, mootummaan haga dandaye, hojii kana jabeessuuf hojiitti jira jedhu, Galmoo Daawit gabaasa dabalataa qindeesseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG