Boordiin filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa mana hidhaa keessa kan jiran hoogganoota ABO ilaalchisee haala isaa qoratee xalayaan akka isa beeksisu mana maree bakka bu’oota uummataa gaafatee jira. xalayaa kanas kan barreesse iyyata ABON dhiyeesse irratti hundaa’ee ta’uu sabquunnamtii Adda bilisummaa Oromoo kan ta’an obbo Lammii Gammachuu VOAf himaniiru. Boordiin filannoo biyyoolessaas dhimma kana irratti deebii kennee jira. . Iyyati ABON dhiyeefate maal akka ta’e kan obbo Lammiin nuuf ibsaniin jalqabna.
Paarlaamaan Itiyoophiyaa Haala Hoogganoota ABO Hidhamanii Jiranii Qulqulleeffate Yoo Ta’e Akka Isa Beeksisu Boordiin Filannoo Gaafate
- Tuujubee Horaa
Forum