Akaataan adeemsa mariin biyyaaleessaa itti jalqabasiifame fi haalli biyyittiin keessa jirtu akka isaan yaaddessu paartileen siyaasaa kun kan ibsan ,hirmaannaa isaanii itti fufuuf haaldureewwan kaa’uu isaaniis beeksisan. Paartiin Waraaqasa Uummata Itiyoophiyaa “Ihi’aappaan” har’a Caamsaa 26 bara 2016 irraa kaasee marii biyyaaleessaa keessaa ba’uu isaa ibseera. Itti anaan dura taa’aa Paartichaa Meggabii Biluuy Abiraahaam Haayimaanoot paartiin isaanii rakkoolee Itiyoophiyaa mudatanii jiraaniif mariin akka barbaachisu amanuun adeemsa hanga ammaatti hirmaachaa akka ture ibsuun haala amma biyyattii keessa jiruun garuu marii taasisuun ni ulfaata jedhaniiru. Haal duree paartiin isaanii kaa’eeniis biyyattii keessatti dursa walitti bu’insoota dhaabuu fi hidhamtoota garaa garaa hiikuu akka ariifachiisaatti waantoonni kaa’e yoo hin hiikamne gara adeemsa marichaatti kan hin deebine ta’uus ibsaniiru.
Paartiin Innaatis ibsa baase keessatti haala amma Itiyoophiyaa keessa jiruun adeemsa marii biyyaaleessa kanarrati hirmaachuun na rakkisa jedheera. Pireezidaantiin paartichaa Dr. Seeyifesillaasee Ayyaaleew gama isaaniin walitti bu’insoonni karaa nagaa furmaata yoo hin arganne, labsiin yeroo muddamaa yoo hin kaane akkasumas namoonni sababa eenyummaa isaanii fi ilaalcha siyaasaa qabaniin miseensota mana maree dabalatee namoonni siyaasaa fi lammileen biyyattii biroo hidhaarrraa yoo hin gadhiifamne adeemsa marichaatti akka hin deebine ibsaniiru.
Komishinarri Komishinii marii biyyaaleessa Itiyoophiyaa Piroofesar Masfin Ar’ayyaa gama isaaniin adeemsi marichaa hundaa kan hammatte akka ta’utu amanama jedhanii gaaffiiwwan dhaabbilee siyaasaan dhiyaatan dabalatee kanneen biroos komishinichi fixaan ba’insa marichaaf jecha mootummaaf ni dhiyyeessa jedhaniiru.
Komishiniin marii biyyaalessa Itiyoophiyaa adeemsa yaada marii sassabuu gaafa caamsaa 24 bara 2016 finfinneetti ifatti kan jalqabsiise yommuu ta’u adeesmsichi kan jalqabsiifame paartileen siyaasaa tokko tokkoo fi qaamoleen biroo adeemsicha yeroo falmuu itti fufanii jiranittidha.Waltajjii baniinsa adeemsa sassaabbii yaadotaa komishinichi jalqabsiiserratti haasaa kan taasisan minitirri muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad haa marii’annu jechuun irra deeddebbiin namoonni nu kadhachaa turan koottaa ni marii’anna yommuu isaan jennu eeyyamamaa ta’uu qofa osoo hin taane gammachuu guddaadhaan keessati hirmaachuutuisaanirra jiraata jedhanii mootummaan walabummaa komishinichaarrattis dhiibbaa tokkoyyuu hi taasisu jedhaniiru jechuun Finfinneerra Keneedii Abaateetu gabaase.
Forum