Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Bulchiis Naannoo Kan Tigraay Iyyata Gareen Mirga Namaa Dhiyeesseef Deebii Akka Kennu Ajajame"


Iyyata Garee Mirga Namaaf Bulchiis Naannoo Kan Tigraay Akka Deebii Kennu Ajaji Itti Kenname
Iyyata Garee Mirga Namaaf Bulchiis Naannoo Kan Tigraay Akka Deebii Kennu Ajaji Itti Kenname

Dhaabbanni mirgaa maqaa Hiyuumaan Raayitis Farist jedhamu Naanoo Tigiraayitti danbiin lakkoofsa 4/2016 kan gaafa Sdaasa 26 bara 2016 kaabine bulchiinsa yeroo naannichaan ragga’ee hojiirra jira akka haqamu jechuun gumii qulqulleessa dhimma heeraa Federaalaaf iyyatta dhiyyeessen gumiin qulqullessa dhimma heeraa federaalaa bulchiinsi mootummaa yeroo naannoo Tigiraay deebii akka itti kennu ajajeera.

Kaabineen bulchinsa yeroo naannoo Tigiraay labsiin 4/2016 gaafa sadaasa 26, bara 2016 ragga’ee hojiirra oole akka walii galtee piritooriyaatti seera qabeessa miti jedhamuun mana maree diigameen labsiiwwaan ba’aniiran dabalatee hojiirra oolmaan isaanii akka itti fufu ajajeeras jedhameera.

Dhaabbata mirgaaf falmu Hiyuuman Faristi jedhamutti itti aanaa daayireektaraa kan ta’an obbo Mebirihii Birhaanee sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin mana maree naanniichaan labsii ba’aniiran keessa tokko kan ta’een Poolisoonni kuma tokko hojimaata malee hojii isaaniirraa kan gaaggeeffaman keessatti argama jedhanii labsiin haaraan Kaabinee bulchiinsa yeroo naannichaan ragga’e kanaafis beekamtii kenneera jedhanii , labsiiwwan yeroo wal waraansichaa manni maree diigame kun baasellee hanga ammaa naannicha keessaatti hojiiraa jirus jedhaniiru. Labsichi , labsiiwwan manni maree diigame kun baase kanneen aka hojjettoonni mootummaa yeroo wal waraansichaatti miindaan hin kaffalamneef dhimma isaanii gara murtiitti dhiyyeeffachuun gaafachuu hin danda’an jedhuu fi lammiileen falmii mana murtiitti qaban ol iyyannoof gara mana murtii federaalaatti geessuu hin danda’an jedhaniifillee beekamtii kenneera. Kunimmoo keeyyattoota heera mootummaa biyyattii waliin wal dhahaa jechuunis ibsaniiru Obbo Mebirihiin.

Naannoo Tigiraay keessatti heerri mootumaa biyyaattii cabeera jechuun Dhaabbanni isaanii Hiyuumaan Raayitis Faristi Mudde 23, bara 2016 darberraa iyyata gara Gumii qulqulleessa dhimma heeraa Federaalaatti galchuun hordofaa turuu ibsuun turtii ji’oota Afuriin booda gumichis dhimmicha ilaalee murtee kennuu isaa ibasniiru Obbo Mebirihiin.

Dhimma kanarratti hoogganaa biiroo haqaa naannoo Tigiraay irraa deebii argachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofne jechuun Finfinneerraa Gebire Mikaa’eel Gebiremedihiinitu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG