Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba'ii Filannoo Walii Galaa Afriikaa Kibbaa Ifoomsameen Paartiin Sagalee Dhibba Irraa Harka 50 Ol Argate Hin Jiru


Faayilii:- Filannoo Afriikaa Kibbaa
Faayilii:- Filannoo Afriikaa Kibbaa

Bu’aa Filannoo walii galaa Afiriikaa lakkaawwiin sagalee dhibbeentaa 99 raawwatamera jedhamee dilbata kaleessaa beeksifame keessatti paartii Kongiresii biyyaalessa Afiriikaa isa waggoota 30 f olaantummaan Afiriikaa Kibbaa bulchaa ture dabalatee paartiin kamiyyuu sagalee dhibbeentaa 50 ol fiduu hin dandeenye. Paartiin ANC Kongireesii biyyaaleessa Afiriikaa sagalee guddaa argateera jedhamu dhibbeentaa 40 argachuun isaa battaluma beeksifametti Pireezidaantiin biyyattii aangoorra jiran Siyriil Ramaafosaa haasaa dhageessisaniin paartiileen garaaagarummaa isaanii iarra aanuun waan waloof bakka kennuun mootummaa gamtaa akka biyyattiitti isa jalqabaa ta’e akka ijaaraaniif waamicha taasisan.Itti dabaluunis sagalee uummata keenyaa dhageenyeerra, filannoo fi abdii isaaniis kabajuufii qabna jedhan.

Paartiin gamtaa Dimokiraatawaa bu’aa sagalee filannoo sadarkaa 2ffaa kan argate yommuu ta’u dhibbeentaa 21 argateera. Hoogganaan Paartichaa Joon IstiinHuseen paartiin isaanii paartilee kaan waliin marii jalqabuuf qophii akka ta’e himaniiru.

Partiin kongireesii biyyaalessa Afiriikaa paartii Neelson Mandeellaa bara 1994tti Afirkkaa kibbaa sirna Appaartaayiidi isa bittaa warra adii bay’inan xiqqoo ta’an jalaa biloomsuun gara aangootti dhufe, erga bara sanaatii Afiriikaa kibbaa harka caalmaa qabuun bulchaa ture, filannoo alanaatiin deeggarsa kanaan dura qabuun yommuu ilaalamu kufaatii isa quunname hin beeknetu isa mudate. Akka sababaattis hiyyuummaa fi hojii dhabdummaa sadarkaa biyyattiitti guddachaa dhufeef furmaata kennuu dhabuu isaatiin deebii filattootarraa argatedhas jedhameera.

Jiraattoonni wiirtuu diinagdee Afiriikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargi erga bu’aan sagalee filannoo labsameen booda yaada kennaniin paartiin Kongireesii biyyoolessa Afiriikaa sagalee caalmaa harka sadii keessaa harka lama dhabuun isaa waan ajaa nama Ibsiisu miti jedhanii to’annoo hooggansaa eeguufis marii gamtaa keessa seenuu qabas jedhaniiru.

Filannoon biyyaaleessaa Afiriikaa Kibbaa tokkoon tokkoon paartii teessoo paarlaamaa akka argatan kan murteessu yommuu ta’u seera tumtoonnimmoo booda Pireezidaantii biyyattii ni filatu.

Paartileen siyaasaa paarlaamaan haaraan wal ga’ee pireezidaantii biyyattii bulchu filachuuf turtii torbaan lamaa kan qaban yommuu ta’u guuyyoota kana dura waliin dubbachuun walii galtee gamtaa mootummaa waliin hundeessuurra ga’uutu isaanirraa eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG