Hoogganaan humna waraanaa Yuunaayitid Isteetisi Looyid Ostiin Jimaata darbe marii Shangri kan Singaapoor keessatti ta’ameerratti kan hirmaataaniiran cinaatti gita isaanii hooggaanaa humna waraanaa Chaayinaa Doongi Juun waliin fulaa fulaatti dubbataniiru. Hooggantoonni lamaan turtii ji’oota 18 booda wal arguun kan dubbatan yommuu ta’u Ostiin waliin dubbiin humna waraanaa biyyoota lamaanii ji’oota dhufan keessatti irra deebiin ni jalqaba jedhaniiru jedha ibsi Peentaagan irraa gadhiifame. Itti dabaluunis dhuma waggaa kanaatti karoora Chaayinaa waliin garee hojii quunnamtii yeroo rakkoo ijaaruu qabame gammachuun simanneerras jedhaniiru jedha ibsichi.
Dubbii himaan humna waraanaa Chaayinaa Wuu Siyaan oduu gabaastootaaf ibsa kennan keessatti marichi gaarii turuu isaa ibsanii, hariiroon humna waraanaa biyyoota lamaanii kufee ture yeroo ammaa haala gaariitti dhufaa jira jedhanii, garuummoo Beejingii fi Waashingitan rakkoo waloo isaanii wal ga’ii tokkoon qofa hiikkatu jechuun hin danda’amu Keessumaa Taayiwaan irratti wal dhabbii biyyoonni lamaan qaban eeruun. Dhimmi Taayiwaan dhimmi keessoo Chaayinaati kan jedhan Wuu Siyaan dubbii himaan waraana Chaayinaa, humnoonni alaa dhimmi kana keessa seenuuf mirga hin qaban , akkasumas Yuunayitid Isteetisi pireezidaantii Laay haaraaf ergaa baga gammaddee erguu fi jila sirna sanaaf erguun qajeelfama Chaayinaa tokko jedhu cabsudhas jedhaniiru.
Pireezidaantii haaraa kan ofiin of bulchitu Taayiwaan Laay Ching filatamuu sababeeffachuun sirna kabaja isaarratti Yuunaayitid Isteetisi jila garasitti erguu hordofee Chaayinaan shaakallii humna waraanaa taasisuun ishee ni yaadatama. Looyid Oostiin gama isaaniin shaakalliin humna waraanaa Chaayinaa kanneen waldhabdee kakaasanii fi cee’umsa siyaasaa Taayipees sababa tarkaanfii dirqamaaf akka itti fayyadamuu hin qabnes hubachiisaniiru.
Forum