Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABUT Deebisee Beekkannaa Akka Argatu Kan Taasisu Fooyya’iinsi Labsii Raggaasisame


Mana maree bakka bu'oota uummata Itiyoopiyaa
Mana maree bakka bu'oota uummata Itiyoopiyaa

Manni maree bakka bu’oota uummataa har’a jechuun Caamsaa 27 bara 2016 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti wal ga’ii idilee geggeesseen gareeleen hojii hookkaraa keessatti hirmaachaa turan gara sochii sirnaawaatti akka deebi’an gochuuf ennaa walii galanitti akka paartii siyaasaatti galmaa’uu akka danda’an gochuuf labsii filannoo fooyyeffame irratti mari’achuun raggaasisee jira.

Filannoon Itiyoophiyaa, galmeeffamuun paartilee siyaasaa fi fooyyeffama labsii naamusa filannoo mana marichaaf kan dhiyeessan mana maree bakka bu’oota uummataatti itti waamamaa mootummaa kan ta’an Tesfaayee Beljigee fooyyeffamni kun sababaa inni barbaachiseef ibsaniiru.

Labsii kana duraa irratti fooyyeffamni kan irratti taasisame keeyyatoota sadii irratti yoo ta’u keeyyatoota kana jalatti keeyyattoonn birkii sadii dabalamaniiru. Akka fooyyeffama taasisametti hojii hookkaraa keessatti hirmaataa kan ture gareen siyaasaa hojii isaa dhaabuu dhaan sirna heeraa kabajee socho’uuf walii galuun isaa qaama mootummaa dhimmi ilaallatuun yoo mirkanaa’e, haala adda ta’een paartii siyaasaa ta’ee galmaa’uu ni danda’a. haala addaan iyyata kan galfate paartiin siyaasaas karaa nagaa fi seeraatiin socho’uuf walii galuu isaa mirkanuu mootummaa biraa kennamuuf ka’umsa gochachuu dhaan iyyata yoo dhiyeesse guyyoota 15 keessatti boordiin filannoo galmeessuu isaa akka raawwatu fooyya’iinsa sana keessatti eerameera.

Fooyya’iiinsa labsii kanaa irratti mana maree bakka bu’ootaa biraa sagaleen mormii fi deggersaa dhaga’amee jira.

Ministeera haqaa kan ta’an Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsa kennaniin labsiin kun fooyya’uun kan barbaachisee fi hojiiwwan marii biyyoolessaa waliin wal qabate yaada keessa galchuun akka ta’e tuqanii, akkuma kanaan ABUT dabalatee hojii hookkaraa irratti paartileen bobba’anii turanii fi gareelee walitti bu’iinsa keessa jiran adeemsicha keessatti hirmaachisuu irratti kan fuuleffate jedhan.

Prezidaantiin yeroo kan naannoo Tigraay obbo Geetaachoo Reddaa ergaa fuula miidiyaa hawaasaa ofii ‘X’ irratti barreessaniin “Nagaa cimsuuf tarkaanfii sirrii” jechuun murtii sana faarsaniiru.

Paartiin haala addaan galmaa’e waggoota lamaaf hordoffiin addaa taasisamee seera yoo cabse boordiin filannoo galmee irraa akka haqu aangoon kennameeraaf jechuu dhaan Kenedii Abaatee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG