Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Itiyoopiyaan Walii Galtee Buufata Doonii Somaaliilaand Hin Haqxu Taanaan Loltoota Isheen Biyya Koo Keessaa Baasa Jette


Faayilii:- Loltoota Itiyoopiyaa Kanneen Somaaliyaatti Bobba'anii Jiran
Faayilii:- Loltoota Itiyoopiyaa Kanneen Somaaliyaatti Bobba'anii Jiran

Itiyoophiyaan ka falmisiisaa ta’e walii galtee buufata galaanaa Somaaliilaand waliin irra geese addaan yoo hin kutin, Soomaaliyaan xumura waggaa kanaa deggersa naga eegumsaaf jecha biyyattii-tti bobba’anii kanneen jiran loltoota Itiyoophiyaa kumaan laka’man achii akka baastu angawaa gameessi Somaaliyaa tokko kaleessa beeksisan.

Hayyoonni nageenyaa fi diplomaatonni biyyootii alaa akka jedhanitti tarkaanfiin kun sabatiinsa dhabuu Somaaliyaa daran balaa irra buusa. Sababiin isaas humnootiin naga eegumsa biyya keessaa bakka duwwaa jiru guutuu waan hin dandeenyeef hidhata al-Qaayidaa kan qaban loltoota al-Shabaab kanatti fayyadamuu danda’u.

Irra jireessa Somaaliyaa to’atee jiru al-Shabaabittiduuluuf qaama gurumuu naga eegumsa gamtaa Afriikaa ta’uu dhaan yoo xiqqaate loltoonni Itiyoopiyaa 3,000 ta’an gaanfa Afriikaatti bobba’anii jiru. 5,000 -7,000-tti kan hedaman immoo akka walii galtee jirutti naannoolee hedduu keessatti bobbaafamanii jiru. Xumura baatii Waxabajjiitti walii galtee sana hin haqan taanaan ykn ennaa eeyamni gurmuu Sanaa murtaa’utti loltoonni Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa deemuu qabu jechuu dhaan gorsaan nageenya biyyoolessaa Somaaliyaa Huseen Sheek Alii Rooyitersiif ibsaniiru. Itiyoophiyaan al tokkicha michuu fi diina ta’uu hin dandeessu jedhan. Dubbi himaan mootummaa fi kan ittisa biyyoolessaa yaada dhiyaateef deebii hin kennine.

Gama biraan dubbi himaan ministrii dhimma alaa Itiyoophiyaa ambaasaadder Nebiyyuu Tedlaa ibsa mootummaa Somaaliyaa ilaalchisuu dhaan akka jedhanitti waa’een gurmuu naga eegumsaa amma hin murtaa’iin jira jedhan. Adeemsi naga eegumsa sadarkaa addunyaa Somaaliyaa keessa kan jiru, gamtaa Afriikaa fi Tokkummaa mootummootaan raggaasisama.

Kanaaf karaa waajjira nagaa fi nageenya Gamtaa Afriikaa fi gola naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaatiin mariin hin jalqabamin jira jedhan ambaasaadder Nebiyyuun. Somaaliyaa keessatti kan bobbaafamu humni sadarkaa addunyaa caasaa akkamii yaad-rimee hojii akkamii, biyyoota kam kami irraa, baayyi’inni isaanii meeqa? Ulaagaan jedhamu mara ilaalchisee mariin hin jalqabamne. Kanaaf mariin utuu hin jalqabin,ejjennoo akkamiitu fudhatama ka jedhu utuu hin mutaa’in miti jedhan. Dhimmi akkasii quunnamtii sirnaa mootummoota gidduutti ta’uun male miidiyaa hawaasaa irratti yaada namoota dhuunfaa maxxanfamiin miti jedhaniiru. Sirnaan kan nu dhaqqabe waan hin jiraannef kana irratti yaada kenninu hin qabnu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG