Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Deggersa Misoomaa Afriikaa Babal’isuu fi Wal ta’iinsa Albuudaa Afriikaa Waliin Jiru Akka Jabeessitu Beeksiste


Faayilii:- Gumii hoogganoota Afriikaa fi Kooriyaa See'ool Kooriyaa Kibbaatti Geggeessame
Faayilii:- Gumii hoogganoota Afriikaa fi Kooriyaa See'ool Kooriyaa Kibbaatti Geggeessame

Prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk Yee’ool biyyi isaanii deggersa misoomaa Afriikaaf akka babal’istu akkasumas naannoo sana waliin murteessaa kan ta’e albuudaa fi teeknooloojii irratti walii galtee cimaa akka taasistu dubbataniiru.

Dhaabbati oduu Ajaans Firaans Piress akka gabaasetti Yoon kan kana dubbatan har’a See’ool keessatti hoogganoota Afriikaa hedduu waliin marii geggeessame irratti. Yoon marii hoogganoota Kooriyaa fi Afriikaa irratti haasaa dhageessisaniin biyyoonni Afriikaa dhiibbaa Sadarkaan addunyaa Kooriyaa Kaabaa irratti qabu irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatan yaadachiisaniiru.

Kan waraanaan addaan qoodaman Kooriyaa lamaan gidduu hariiroon jiru akkaan laaffataa waan dhufeef jecha, Kooriyaan Kaabaa dhiyeenya yaalii meeshaalee waraanaa dandeettii nukileraa qaban saffisaan itti fufuu dhaan baaloonii dhibbaan laka’amu samii irra gad dhiisuu dhaan dikeen toonii hedduun Kooriyaa Kibbaa irratti akka gatan taasisee jira.

Gumii hoogganootaa guyyootii lamaaf turu kanaan hoogganoota biyyootii 25 dabalee bakka buutonni biyyootii Afriikaa 48 kan irratti hirmaatan yoo ta’u, mariin daldalaa fi inverstimentii irratti fuuleffate illee ni taasisama jedhamee eegama.

Wal ga’ii Kibxataa har’aa booda Kooriyaa Kibbaa fi biyyoonni Afriikaa dhimmootii albuudaa irratti walii galtee qaban fooyyessuu irratti kan fuuleffate marii sadarkaa ol aanaa akka eegalan illee beeksisaniiru. Afriikaan albuudaalee kan akka Nikeel, Koobaltii, Giraafaayifi Liitiyeem fafakkaataniif madda ijoo yoo taatu, albuudaaleen kun Semii konkaakteroota mara, baatiriiwwanii fi konkolaataa elektrikaa oomishuuf fayyadu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG