Labsiin yeroo yeroo hatattamaa xumuramun wal qabatee namoonni hidhaa keessa turan akka gad lakkisaman Komiishinni Mirga Nam oomaa Itiyoophiyaa gaafatee jira.
Boora’uu nageenyaa naannoo Amaaraatti aansee Adoolessa 28 bara 2015 qabee baatilee ja’aaf labsamee kan turee fi baatii itti dabalaa 4f yeroon isaa dheereffamee kan ture labsiin yeroo muddamaa har’a Caamsaa 28 bara 2016 guyyaa xumuraa isaa qabatee jira.
Baatilee 10 walitti aanuuf kan ture labsiin yeroo muddamaa har’a xumuramuu isaan wal qaatee komiishiniin mirga namaa Itiyoophiyaa Ibsa baaseen, labsii sana hojii irra oolchuun wal qabatee namoonni hidhaa keessa turan akka gad dhiisaman gaafateera.
Gama biraatiin guyyaa har’aa labsiin kun itti dhumatu labsichaan wal qaatee to’annaa jala oolfamanii Awaash Arbaa fi Finfinnee keessatti yeroo adda addaatti qabamanii namoonni hidhaman hedduun har’a mana murtiitti dhiyaataniiru.
Dhaddacha mana murtii ol aanaa Lidataa qofatti namoonni 112 dhiyaachuu isaanii abukaatolee isaanii keessaa tokko kan ta’an Solomon Gezzaaheny VOAf ibsaniiru.
Hidhamtoonni har’a mana murtiitti dhiyaatan martinuu shororkeessummaan kan shakkaman yoo ta’u, kanneen keessaa 88 irratti poolisiin yeroo qorannaa dabalataa yoo gaafatu, kaan irratti immoo abbaan alangaa yeroo himannaa irratti dhiyeessu gaafachuu isaa abukaatoo Solomoon itti dabaluun ibsaniiru.
Abukaatooleen isaanii gaaffii poolsii fi abbaan alangaa dhiyeesse mormanii jiran. Manni murtichaas dhimma kana irratti murtii kennuuf bor Caamsaa 29 kennee jira.
VOAn tajaajila kominikeeshinii mootummaa fi ministeera haqaa biraa deebii argachuuf yaaliin taasise hin miloofne.
Dhumachuu labsichaa ilaalchisee poolisiis ta’e mootummaa biraa ragaan isaan ga’e akka hin jiraanne dubbi himaan poolisii federaalaa obbo Jeeylaan Abdii ibsaniiru jechuu dhaan Kenedii Abaatee Gabaaseera.
Forum