Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Walitti-Dhufeenya Paartiilee Afriikaa Kibbaa Keessatti Hundaa’uun, Imaammata Biyyattiirratti Dhiibbaa Qabaata Jedhu Xiinxaltoonni


Qondaaltonni Komishinii Filannoo Afrikaa Kibbaa (IEC) filannoo waliigalaa Afrikaa Kibbaa irratti buufata filannoo Umlaziitti argamuun alatti mallattoo kaa’aniiru, Caamsaa 29, 2024
Qondaaltonni Komishinii Filannoo Afrikaa Kibbaa (IEC) filannoo waliigalaa Afrikaa Kibbaa irratti buufata filannoo Umlaziitti argamuun alatti mallattoo kaa’aniiru, Caamsaa 29, 2024

Lammiiwwan Afriikaa Kibbaa ba’iin filannoo paartiin inni kamuu sagalee irra jireessa akka hin arganne erga mul’isee booda, mootummaa gamtaan hundeeffamu arguuf abdii dhaan eeggataa jiru. Arkiteektiin ganna 30 Simphiwe Malambo VOAtti akka himetti, "ANCn dhumarratti haala itti biyya bulchuuf, biyyattii bulchuuf akkamitti itti dhiyaachaa akka turan irra deebi'anii ilaaluu qabu keessa ga'uuf waan jiruuf gammachuu guddaatu natti dhaga'ama."

Tumsa uumamu irratti hundaa’uun, yoo gamtaan Dimkraasummaa fii ANC yoo waliin ta’an, gamtaan Dimokraasummaa dhugumatti seenee bakka ANCn kufaatiin isa mudatetti waan gaarii tokko tokko hojjechuu danda’a,” jechuun Mark Fleming, VOA’tti himaniiru. Paartiin biyya bulchu ANCn sagalee dhibba irraa harka 40 yoo argatu paartiin gamtaa Dimokraasummaa immoo sagalee dhibba irraa harka 20% argatee jira. paartileen lamaan gamtaa yoo uuman biyyattii keessatti araarri bu’uu danda’a jechuu dhaan xiinxalaa dhimma filannoo kan ta’an waaltaa “African Center for Governance” jedhamuu Tendaayii Mbaanjee dubbataniiru.

Gamtaa ka biroon paartii haaraa hundeeffame waliin tokkummaa uummate kan prezidaantii duraanii Jaakoob Zuumaan hoogganamu kan MK jedhamu sagalee dhibba irraa harka 15% kan argate yoo ta’u paartiin walabummaa dinagdee EFF jedhamu immoo sagalee dhibba irraa harka 10% argatee jira. Biyyattii keessaa dinagdee fi bulchiinsi gamtaa uumamuuf waa gaarii yoo ta’u, ejjennoo Afriikaan kibbaa dhimmootii addunyaa garuu mormiin isa mudatee jira. Afriikaan Kibbaa Israa’el Gaazaa keessatti fixiinsa sanyii raawwatte jechuun qeequun ishee ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG