Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaa Kibbaa Albuuda Dabalatee Investmentii Adda Addaarratti Hoogganoota Biyyoota Afriikaa Wajjiin Waliigaltee Mallatteessite


Kooriyaa Kibbaa Albuuda Dabalatee Investmentii Adda Addaarratti Hoogganoota Biyyoota Afriikaa Wajjiin Waliigaltee Mallatteessite
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:31 0:00

Kooriyaan Kibbaa hoogganoota biyyootii Afriikaa 48 waliin albuuda enerjii fi oomishaa dameewwan fafakkaatan irratti wal ta’iinsa agarsiisuuf jecha walii galteelee 50tti hedaman mallatteessuu isaanii ministerri industrii kooriyaa Kibbaa Roobii har’aa beeksisee jira.

Eesiyaa keessaa dinagdee dhaan sadarkaa 4ffaa irra biyyi jirtu albuudaa fi gabaa meeshaalee biyya alaatti erguu kan Afriikaa fayyadamuuf ennaa yaalaa jirtu kanatti biyyootii Afriikaa 23 waliin walii galteelee 47 mallatteessitee jirti.

Ennaa addunyaan rakkoo keessa seenu wal ta’iinsi biyyoota gidduu yeroo isa kamiin caalaa barbaachisaa ta’ee jira. sababaa balaa siyaasa naannootiin kan ka’e dhiyeessii sadarkaa addunyaa irratti haalli hin eegamne waan mudateef qoodi Afriikaa baay’ee barbaachisaa ta’ee jira jedhu prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk Ye’ool. Biyyootii Afriikaa waliin michummaa dhimma albuudaa ni uummanna jedheen abdadha jedhanii, biyyoota qajeelfama wal fakkaatu qaban waliin illee michummaa nageenya albuudaa ijoo ta’an irratti hariiroo jiru ni babal’ifna jedhan.

Yoon Kibxata kaleessaa Kooriyaan Kibbaa waggoota ja’an itti aanu keessa deggersa misooma Afriikaaf kan oolu doolaara biliyoona $10 kan gumaachitu ta’uu kan ibsan Yoon, See’ool doolaara biliyoona $14 hojii meeshaalee biyyotii alaatti erguuf akka gumaachitu akkasumas daldalaa fi investmentii kampanilee Kooriyaa Kibbaa keessaa fi kampanileen biyyattii Afriikaa keessaaf inverstii kan taasisamu ta’uu ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG