Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himaamtoonni Galmee Himannaa Obbo Yohaannis Buwaayaaleew’faa Irra Jiran  Beellamaan Mana Murtiitti Dhiyaatan


FAAYILII - Mana Murtii Federaalaa, Finfinnee
FAAYILII - Mana Murtii Federaalaa, Finfinnee

Naannoo Amhaaraatti rakkoo nageenyaa uumame hordofee namoonni to’annaa jala oolaniiran kanneen galmee himatamtoota Yohaannis buwaayaaleew faa jalatti argaman namoonni 52 har’a mana murtiitti dhiyyaataniiru. Himatamtoonni galmee obbo Yohaannis Buwaayaaleew jalatti himannaa shororkeessummaan kan himatamaniiran sarbama mirgaa mana hidhaa Awwaash Arbaa jedhamuun waamamu kessatti Poolisii Federaalaan isaanirra ga’eeruuf himata dhiyyeessan irratti qorannoo dabalataa taasisuuf komishiniin migra namoomaa Itiyoophiyaa guyyaa dabalataa gaafate eeyyamameef.

Hojjeettonni komishinichaa Sadii mana murtiitti dhiyyaachuun bakka sarbamni mirgaa kun dhabqqabetti deemne qorachuuf akkasumsa qaamota isaan ilaallaturraa eeyyama argamuuf yeroo nutti fudhata jechuun kan mana murtichaaf dhiyyeessan yommuu ta’u manni murtichaas hanga gaafa waxabajjii 25 bara 2016 tti qorannoo isaanii xumuranii bu’aa qoranichaa akka dhiyyeessan ajajeera.

Maatiin himatamtootaa nyaata fi gaaffii taasisuu akka hin dandeenye mana sirreessaan dhorkaan nurra taa’eera jedhanii iyyatta mana murtiitti erga dhiyyeeffatanii ajaja manni murtii kenneen dhorkaan nurraa ka’eera jechuun mana murtiif ibsanii ta’ees kanneen kanaan dura dhorkii nurra kaa’an itti gaafatamuu qabu jechuun mana murtichaaf dhiyyeessaniiru.

Dhaddacha har’aa irratti abukaatoowwan himatamtootaa himata himatamtoota irratti dhiyyaaterurratti falmii himannaa isaanii dhiyyeessuun falmiin irratti kan taasifame yommuu ta’u mirgi wabii akka eegamuufis gaafataniiru. Dhaddachi mana murtichaas falmii mirga wabii irratti murtoo kennuuf beellama gaafa waxabajjii 12tti qabateera. Jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG