Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Dirree Dhawaatti Yeroo Arfaasaa Kanatti Ho’i Dabaluurraa Bulchiinsi Magaalichaa Sa’aatiiwwan Hojii Jijjiire


FAAYILII - Magaala Dirree Dawaa
FAAYILII - Magaala Dirree Dawaa

Akka Inistitiyuutiin Meetirooloojii biyyaaleessaa beeksiiseeti sababa jijjiirama qilleensaa Elniinoo waliin wal qabateen hangi ho’aa naannoowwan tokko tokkotti akkan ol ka’uu ibseera. Inistitiyuutichatti itti aanaa daayireektaara raaga fi qorannoo akeekkachisa duraa kan ta’an Doktor Asaammineew Teshoomee sagalee Ameerikaatti akka himaniti jijjiiramni qileensaa Elniinoo jedhamun beekamu bara kana ho’a cimaa fidee dhufeera jedhan

Naannoowwan kanaan dura haalli qilleensa isaanii qorraan beekaman kanneen akka Haromayaa fi Finfinnee dabalatee ho’insi dabaluus jirattoonni kan himan yommuu ta’u magaalaa Dirree dawaattimmoo hangi ho’insaa Digirii seelshiyeesii 42 irra ga’uu isaa hordofee bulchiinsi magaalichaa yeroo seensaa fi ba’insa hojii mootummaa irratti hanga ho’insi kun darbatti jijjiirama taasisuu isaa ibseera.

Haala kanaanis sa’atiin hojii ganama sa’aatii tokko rraa hanga shaniif walakkaa akkasumas waree booda sa’aatii kudhanii hanga sa’aatii 12:30 tti ta’a jedhameeraa. Gabaasni Dirree Dawaarraa kan Addis Chokkolidha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG