Naannoo Amhaaraa godina Gondor Kaabaa aanaa Adirqaay ganda Ali Xaaraa jedhamee waamamu keessatti humnoonni hidhannoon naannoo Tigiraay irraa dhufaniira Kibxata darbe haleellaa namoota nagaa irratti fudhataniin daa’imman dabalatee lubbuun namoo darbuu fi qabeenya irratti miidhaan dhaqqabuu akkasumas saamichallee raawwataniiru jechuun jiraattoonni naannichaa sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Gaafa Caamsaa 27 bara 2016 halkan keessaa sa’aatii Kudhan irratti hidhattoonni kun gara naannichaatti seenuun haleellaa kan raawwatan yommuu ta’u milishoonni naannichaa ofirraa ittisuuf yaalanis miidhaan dhaqqabe guddaa ta’uus namoonni yaada isaanii kennan ibsaniiru. Halleellaa rawwatame kanaanis namoonni Saddet ajjeefamuu fi namoonni sadii madaa’uu jiraattoonni sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Namni Saalee Xilaahuun jedhamuu sagalee Ameerikaatti himanii fi jiraataa naannoo rakkoon kun itti mudate ta’an maatii akka Shan akka of jalatti bulchan himanii halleellaa raawwatame kanaan rukkutamanii amma Hospitaala Walqaayititti yaalarra jiraachuu isaaniis ibsaniiru.
Bulchaa aanaa Adirqaay kan ta’an Obbo Miiliyoon Taaddesee Rakkoon kun uumammuu mirkaneessaanii namoota sadii hidhattoota kanaan ukkamfamanii fudhatamaniran keessaa tokko deebi’uu himanii kanneen hafan lamaan immoo sadarkaa maaliirra akka jiran hin beekamu jedhaniiru.
Hoogganaan hospitaala Walqaayit Sibihaat Alem namoonni rasaasaan rukkutamanii gara hospitaalichaa seenanii yaala argachaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Namoonni miidhaan nurra ga’ee yaalamaa jirra jedhanii fi bulchaan aanichaa Obbo Miiliyoon Taaddesees haleellaa raawwatame kanaaf Adda bilisa baasaa uummata Tigiraayiin himatu.
Himannaa humna Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay irratti dhiyaateef deebii kan kennan Naannoo Tigiraayitti itti aanaan bulchaa godina Kaaba lixa Obbo Kelaalii Hagaazii humni naannoo Tigiraayirraa ka’e halleellaa kana raawwate hin jiru jedhanii rakkoo uumame kanaaf bulchiinsi yeroo naannichaa itti gaafatamummaa hin fudhatu jedhaniiru jechuun Daseerraa Masfin Arraageetu gabaase.
Forum