Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hooggantoonni Biyyoota Addunyaa Lixaa Guyyaa Itti Biyyoonni Awurooppaa Naazii Jalaa Bilisa Baafaman Waggaa 80ffaa Yaadatan


Hooggantoonni Biyyoota Addunyaa Lixaa Guyyaa Itti Biyyoonni Awurooppaa Naazii Jalaa Bilisa Baafaman Waggaa 80ffaa Yaadatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00

Hooggantoonni biyyoota Lixaa Kamisa har’aa qarqaraa Galaanaa kan Kaaba Faraansaay irratti argamutti argamuun waggaa 80ffaa biyyoonni Awurooppaa qabsoo waloo isa Yuunaayitid Isteetisiin hooganamuun Naazii jaalaa bilisa ba’an isa “D-day” jedhamuun beekamu yaadachaa jiru. Yaadanno kana wayita gaggeessanittis waraana waggaa lama fixe weerara Raashiyaan Yuukireenirratti taasifte isa erga weerara Awurooppaan boodaa yaadaas akka ta’e ibsaniiru.

Hoogganaan Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayiden, Kiingi Chaarles sadaffaa Yuunaayitid Kiingidami, fi ministirri muummee Kaanaadaa Jaastiin Turuudoo humnoota waloo fi michuuwwanii bakka bu’uun wareegama guddaa loltoonni kuma kurnootaan lakkaa’aman weerara Naazii yeroo Sanaa balleessuuf aarsaa kaffalaniif sirna yaadannoo taasisaniiru.

Kiingi Chaarlees Sadaffaan Yuunaayitid Kiingidam haasaa dhagessisaniin waggoota Kurnoota darbaniif waantoota irra deddeebbiin nutti dhufanirraa barnoota arganneerra jedhanii biyyoonni walabaa abbaa irrummaa dura dhaabbachuuf tokkummaan waal faana dhaabbachuutu irraa eegama jedhan.

Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Turuudoommoo Addunyaan Dimookiraasiif dhaabbachuu itti fufuu qabdi jedhanii har’as dimookiraasiin balaa jala jira, weerartoota daangaa irra deebi’aanii sararuu barbaadaniin doorsifamaa jirras jedhan.

Pireezidaantiin Faraansaay sirna yaadannoo warri Biriitish taasisan irratti kan argaman eenyullee as Faraansaay keessa kan jiru aarsaa isin kaffaltan hin irraafatu jedhaniiru.

Pirezidaantiin Yuukireen Voloodyimiir Zeleeniskii sirana kabaja yaadannoo guyyaa injifatamuu Naazii waggaa 80ffaa kanarratti argamuuf kan affeeramaniiran yommuu ta’u waraana Raashiyaa waliin taasisaa jiraniif marii guddaa ta’a jedhamees eeggama.

Waraana Addunyaa lammffaa keessatti Naazii injifachuuf Gamtaan Sooviyeet gumaacha guddaa taasisun beekamtu sirna yaadannoo waggaa 80ffaa kufaatii Naazii kanarratti Raashiyaaf Affeerraan hin taasifamne.

Bara 1942 yeroo waraana addunyaa lammaffaatti kan dhalate pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayidan daawwannaa mootummaahanga dilbataatti turu irratti kan argamu morkstss isaa Doonaald Tiraamp waliin faallaa ta’uun Ameerikaa akka waardiyaa dimokiraasii fi gamtaa idil addunyaatti ni beeksiisa jedhamee eegama.

Gadamoojjiiwwan waraanaa lubbuun hafaniiran dabalatee keessummoonni 200 ta’an sirna yaadaannoo injifatamuu sirna Naazii biyyoota Awurooppaa keessattii kan wagga 80ffaa kanarratti argamus jedhameera.

Sirna Naazii Adoolfi Hiitileeriin hoogganamu isa biyyoota Awurooppaa qabate kuffisuuf biyyoonni michuuwwanii waloon loltoota kuma 156 fi konkolaattoon kuma 20 iratti hirmaataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG