Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoota Sudaan Kanneen Buufata Dahannaa Gondor Lixaa Keessaa Gad-dhiisanii Ba’an Iddoo Biraa Geessuuf Hojjatamaa Jira Jedhame


FAAYILII - Magaala daangaa Sudaan fi Itoophiyaa irra jirtu, Matammaa, Naannoo Amaaraa, Waxabajjii 3, 2015.
FAAYILII - Magaala daangaa Sudaan fi Itoophiyaa irra jirtu, Matammaa, Naannoo Amaaraa, Waxabajjii 3, 2015.

Buufata Daahaannaa Gondar Dhiyaa keessa kan jiran godaantoota Sudaan iddoo biraatti geessuuf hojjatamaa kan jiru ta’u Dhaabbatii godaantoota Itiyoophiyaa fi kannen goodaansaa deebi’anii beeksisee jira. Dhaabbata kan keessatti, buufata daahaannaa Kumar, Awulaallaa fi Alamwaac f waltaasisaa kan ta’an Obbo Taammiraat Damiissee sagalee Amerikaaf akka ibsanti, godaantoota sudaan kana lafa Afxiix jedhamutti geessuuf sochiin jalqabameera jedhan.

Buufata daahannaa isaanii gadhiisuun yeroo baatii tokko caaluuf daandii cina jiraachaa kan jiran godaantonni sudaan kun gama isaaniin, rakkoo nageenyaa naannoo sana jiruu fi haanqinni tajaajiilaa yaaddeessaa ta’u dubbatanii, fedhiin isaanii Itiyoophiyaan ala biyya 3ffaa deemuu akka ta’e ibsaniiru.

Dhaabnii baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa(UNHCR) baatii tokko dura ibsa baaseen godaantoonni sudaan kanneen kuma tokko caalan sababaa rakkoo nageenyaa fi tajaajiilli kennamuu hanqachuu jedhuun, buufata daahaannaa Awuulaallaa fi Kumar gadhiisanii ba’uun daandii cina buufachuu isaanii ibsee ture jechuun Gabra Mikaa’el Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG