Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti sababaalee adda addaan rakkoon nageenyaa uumamaa jiraniif furmaanni akka barbaadamuuf jiraattonni sagaleen Amerikaa dubbisee gaafatanii jiru. Magaalaa Adwaa keessatti akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Bitooteessa dabree gaafa 10 bara 2016 intala isaanii umriin 16 Maahleet Teklaay iggitamtee erga fudhatamtee as eessa buuteen ishee guyyoota 78f amma iyyuu hin beekamiin akka jiru kan ibsan abbaan ishee Obbo Taklaay polisiin fulleeffatee hojii isaa hojjachuu dadhabuu isaan Tigraay keessatti rakkoo nageenyii dhabamuu hammeessee jira jedhan.
Kanneen intala isaanii iggitan sunis guyyaa hanga tokko booda bilbiila intala isaaniin bilbilanii ishee akka isinii gadhiifnuuf qarshii Mililiiyona 3 kennaa jechuu isaanii dubbatan. Ajajaan waajiira Poliisiin magaalaa Adwaa Tasfaay Amaare gama isaaniin ol adeemtuu butamtee kana argachuuf haawaasa wal taasisuun yaalii danda’amee mara gochaa jirra jechuun himannaa dhiyaate hin fudhanne.
Tigraay keessa kan socho’uu paartiin Areenaa gama isaan bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti keessumaa albuudaa Warqee qotanii baasuu irratti seera dhablummaan babal’atee jira. Dhimma kana ilaalchisee bulchiinsa yeroo kan Tigraay keessatti waajiira waa’ee lafaa fi albuudaa biraa deebii argachuuf yaaliin taasiifame yeroof hin milkoofne.
Bulchiinsa yeroo kana keessatti itti gaafatamaa seekrateeriyaatii walitti qabaa Galii fi Qabeenyaa kan ta’an Dr. Haagoos Godfaay dhuma torban dabree hoggansa aanaa fi godiinaa waliin marii gaggeessaniin Tigraay keessatti Lafa Albuudaa karaa seeraan alaa namoota daddabarsuu fi kanneen biroon saamiinsa jiru ilaalchisee qorannaan gaggeeffame dhiyaachu isaa ibsanii gara tarkaanfii fudhachuutti seenna jechu isaanii Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum