Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa fi Biyyoonni Biroon 4 Miseensummaa Gola Naga-Eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa Dhaabbataa Hin Ta’iiniif Filataman


FAAYILII - Waldahii Gola Naga-Eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa
FAAYILII - Waldahii Gola Naga-Eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa

Deenmaark Giriik Paanaamaa Paakistaan fi Somaaliyaa sagalee Yaa’ii Waliigalaa irratti kenname hordofuun Kamiisa kaleessa waxabajjii 6 miseensota dhaabbataa hin taane kan Mana Maree naga eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa ta’uun waggoota lamaaf jechuun, bara 2025-2026 filatamaniiru.

Somaaliyaan teessoo garee Afrikaa irratti Mozaambiik bakka buuti. Paakistaan immoo garee biyyoota Eeshiyaa-Paasifiik keessatti teessoo Jaappaan gadhiifte qabatti. Ji’a Amajjii dhufu irraa eegalee Paanaamaan garee Laatiin Ameerikaa fi garee biyyoota Kaaribiyaan bakka bu’uun teessoo Ikuwaadoor amma qabattee jirtu fudhatti.

Garee biyyoota Awurooppaa gama Dhihaa fi Kanneen birootiif miseensonni haaraan lama Deenmaark fi Giriik ni jiraatu. Lamaanuu teessoo Maaltaa fi Siwiizarlaand dhiisan baatii Muddee keessa ni qabatu. Yeroon isaanii waggaa lamaa kun Amajjii 1 bara 2025 irraa eegalee Mudde 31 bara 2026 xumurama.

Sagalee kennamee kana booda gaazexeessitootaaf ibsa kan kennan Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahmed Moalim Fiqii, “Hirmaannaa keenya keessatti tumsa gola naga eegumsaa fi Dhaabbata naanno Gamtaa Afrikaa dabalatee cimsuuf ni carraaqna jedhan. Somaaliyaan dhimmoota walxaxaa addunyaa keenya kan har’aa jiran furuu keessatti gahee giddugaleessaa biyyoota hedduu fi tumsi bu’a qabeessa ta’uni hubatti” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG