Xurree ittiin seenan

Breaking News

Durataa’aan Partii Izeemaa Duraanii Yeshiiwaas Aseffaa Hidhamanii Hanga Ammaa Mana-murtiitti Hin Dhihaanne, Jedhu Abukaatoon Isaanii


FAAYILII - Dura taa’aa partii Izeemaa duranii kan turan Obbo Yeshiiwaas Aseffaa
FAAYILII - Dura taa’aa partii Izeemaa duranii kan turan Obbo Yeshiiwaas Aseffaa

Dura taa’aa partii Izeemaa duranii kan turan Obbo Yeshiiwaas Aseffaa Jimaata Caamsaa 23, bara 2016 galgala to’annaa jala kan olfmaniiran jeequmsa kakaasuutiin shakkamanii akka to’annaa jala oolfaman isaanitti himamus hanga har’a Caamsaa 30, bara 2016 tti mana murtiitti hin dhiyaatiin jiru jechuun Ogeessa seeraa fi Abukaatoo kan ta’an Obbo Solomoon Gazzaaheenyi sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Akkuma Obbo Yeshiiwaas hiriira nagaa wal waraansi haa ga’u jedhu gaafa sadaasa 30 bara 2016 tti qopheessaa turan keessaa tokko kan ta’an obbo Zellelee Tseggaasillaalsee gaafa Caamsaa 27, bara 2016 to’annaa jala oolfamaniiran mana murtiitti osoo hin dhiyyaatiin akka jiran hoogganaa itti aanaa paartii IHI’AAPPAA kan ta’an Meggaabii Biluuy Abiraahaam Haayimaanoot sagalee Ameerikaatti himaniiru. Qindeessitoota hiriiricha kan turan duraa ta’aa paartii isaanii Zinaabuu Abarraa dabalatee namoonni Afur kan gaafa Bitootessa 17 bara 2016 to’annaa jala oolfamaniiran hanga ammaa mana murtiitti osoo hin dhiyyaatiin mana hidhaa Awwash Arbaa keessatti argamu jedhaniiru.

Obbo Yeshiiwaas dabalatee labsii yeroo muddamaan kan to’annoo jala oolfamaniiran , yeroon labsichaaf taa’e xumuramuu hordofee silaa turtii sa’aatiiwwan 48 keessatti mana murtiitti dhiyyaachutu isaanirra ture kan jedhan Obbo Solomoon Gazzaaheenyi yoo ta’uu baate himannaa qaaman hidhaarraa gadhiisiisuu akka banan himaniiru. Jechuun Keneedii Abaateetu Finfinneerraa gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG