Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Allaamaaxaa Keessatti Hiriirri Mormii Gaggeeffamee Jira


Hidhattonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) dhiittaa mirga namoomaa dhaqqabsiisaa jiru jechuun jiraattonni magaalaa Alaamaaxaa hiriira mormii ba’anii jiru.

Samabataa fi Dilbata hiriira jiraattotaan gaggeeffame jedhamee kanaan ajjeechaa fi ukkaamsaa haa dhaabatu jechuun gaafatanii jiru.

Wal waraansii Itiyoophiyaa kaabaa xumuramuutti aansee bulchiinsa naannoo Amaaraa biraa deggersa Baajataa fi ogumaa kan argatuu bulchiinsii yeroo kan magaalaa Alaamaaxaa hidhattonni Hiwaat naannoo sana eega to’atanii baatii lamaa as naannoo Alaamaaxaa fi Koramiitti namoonni 8 ajjeefamuu fi 20 kanneen caalan butamanii eessa buuteen isaanii dhabamee jira jedhan.

Waajiira komuunikeeshinii bulchiinsa naannoo Tigraay irraas ta’e bulchiinsa godiina Tigraay kibbaa biraa deebii argachuuf yaaliin taasiifame hin milkoofne.

Ta’uus garu, bulchaan godiina Tigraay Kibbaa Obbo Haaftuu Kiroos guyyoota muraasa dura sagalee Amerikaaf yaada kennaniin Humnoota Feedeeraalaa wajjiin ta’uun walii galtee nageenyaa kan Preetoriyaa keessatti tolfame raawwachiisaa jirra jedhan.

Naannotti kan mul’atu rakkoon nageenyaa kana jedhamuus hin jiru jedhanii kan hojataa jirruus rakkoon akka hin uumamneefi jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Wal waraansa Itiyoophiyaa kaabaatti gaggeeffame sana dura bulchiinsa naannoo Tigraay jala kan turan garu wal waraansa sana booda bulchiinsa nannoo Amaaraa jalatti kanneen bulan fi gaaffiin eenyummaa fi ofiin of bulchuun kan keessaatti ka’aa jiru keessa tokko magaalaa Alaamaaxaa ti jechuun Masfiin Arraagee Gabaasee jira

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG