Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Paaris Keessatti Dilbata Kaleessa Hiriirrii Geggeeffamee Jira


Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon haasaha televiziyoonaan darbe oggaa dhiheessan, Waxabajjii 9, 2024.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon haasaha televiziyoonaan darbe oggaa dhiheessan, Waxabajjii 9, 2024.

Jarreen mirga leellisan kanneen morman Dilbata kaleessa Waxabajjii 9 magaalaa Paaris bakka Paaris de la Rippabiliikee jedhamutti walitti qabamanii jiru. Kunis paarlaamaa Awurooppaaf sagalee kennamee irratti paartiin mirga leellistootaa qabxii argataniin Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon filannoo biyyoolessaa kan hatattamaa akka waaman erga taasisee booda.

Mormitoonni ba’an gareewwan magariisaa fi bitaaf leellisan alaabaa mirmirsuun paartii hiriira Biyyoolessaa kan Marine Le Pen jedhamuun beekamu irratti dhaadannoo dhageessisan. Prezidaant Maakroon ba’iin sagalee kennamee kan Gamtaa Awurooppaa mootummaa isaaniif gaddisiisaa ta’uu ibsuun garu kana bira darbuu hin dandeenye dha jedhan. Haasaa uummata biyyattiif dhageesisanii, Paaris dorgommii Olompikii keessummeessuuf ji’a lama gadii yeroo hafee kana dursee, filannoo mana maree gad-aanuu waxabajjii 30 akka waamamu sagalee marsaa lammaffaa Adooleessa 7 akka kennamu dubbataniiru.

Paartiin Maakroon Reenaaysans paartii jedhamu yeroo ammaa kana miseensota mana maree ga-aanuu 169 kan qabu yoo ta’u kunis walumaa galatti kan jiru 577 keessaa ti. Paartiin biraa RN jedhamu immoo 88 qaba. Yoo paartiin RN sagalee caalmaa argate Maakroon ammallee ittisaa fi imaammata alaa ni qajeelchu. Garuu ajandaa biyya keessaa imaammata dinagdee irraa kaasee hanga nageenyaatti kaa’uuf aangoo dhabu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG