Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Keessatti Angawoonni Nannoo Lamma Ajjeefamaniiru


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa, Sadaasa 06, 2020.
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa, Sadaasa 06, 2020.

Mootummaan giddu galeessaa labsii yeroo muddamaa bara dabree naannoo walitti bu’iinsa keessa jirtu kan Amaaraaf labsame akka xumuramu erga hayyamee booda, qondaaltonni naannoo Amaaraa lama ajjeefamuu aangawoonni ibsanii jiru. Hoggantoonni aanaa Efrata Gidim fi Kewet, Waxabajjii 2 fi 5 ''qaamota finxaaleeyyiin jedhee mootummaan waamuun ajjeefamuu isaanii qondaaltonni naannoo ibsa adda addaa baasaniin hubachiisan.

Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa Hagayya 2023 labsamee fi baatii Guraandhala keessa paarlaamaadhaan yeroon isaa dheeratee sana tursuuf hanga waxabajji 4tti hayyama paarlaamaa argachuu qaba ture, garu hin ta’iin hafe.

Waajjirri Muummee ministiraa Abiy Ahimad yaada akka kennuuff gaaffii dhaabatii oduu Ajaans Fraans Prees dhiyeesseef hatattamaan deebii hin kennine. Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ibsa waxabajjii 5 baaseen "namoota yeroo labsii yeroo muddamaa hojiirra oolee hidhaman akka gadhiifaman akkasumas qaamoleen seera kabachiisan kan idilee akka deebi'an" gaafateera.

Mootummaan hanga ammaatti fincila hidhattoota Faanoo kanneen bulchiinsa naannoo Amaaraa kan namoota gara miliyoona 23 keessa jiraatutti xumura itti tolchuu hin dandeenye. Baqattoota Sudaan wal fi Eertiraa irraa dhufan naannoo sana keessatti muddamsa uumee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG