Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattonni Sudaan Kanneen Naannoo Amaaraa Keessaa Godaansa Marsaa Lammataaf Saaxilamne Jedhu


Baqattoonni Sudaan haleellaan bosona Itiyoophiyaa keessaakka dhokatan isaan godhuu himatan.
Baqattoonni Sudaan haleellaan bosona Itiyoophiyaa keessaakka dhokatan isaan godhuu himatan.

Baqattoonni Sudaan keessaa wal waraansa dheessuun gara Itoophiyaatti seenan haleellaa hidhattootaan irra deddeebiin raawwatameen dunkaana keessa buufatan erga qaawwaatti hambisee booda ammas achii godaananii bosonaa fi qarqara daandii irra buufachuuf akka dirqamne dubbatu.

Erga ji’a darbe irra deddeebiin haleellaa raawwatameen booda Mooraa baqattootaa Kumer fi Awlalaa kan Tokkummaan Mootummoota bulchiinsa naannoo Amaaraa kaabaa keessatti dhaabee irraa erga ji’a darbee kaasee irra deddeebiin haleellaa raawwatameen booda baqattonni gara 8,000 ta’an gadhiisanii akka ba’an bakka bu’oonni mooraa torbee kana Rooyitarsiif ibsaniiru.

Jalqaba lola waraanaa Sudaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) gidduutti Ebla bara 2023 ka’ee fi kutaalee biyya sanaa keessatti beela hamaa fi himannaa duguggaa sanyii Daarfuur keessatti uume sana baqataniiru. Dargaggeessi tokko bilbilaan dhaabbata oduu Rooyitarsiif akka himetti ''Rasaasa karaa irraa maqee kan waraana sudaanii fi RSF sodaannee biyya keenya baane,'' jedheera.

"Lubbuu keenya baraaruuf Itoophiyaatti kooluu gallee, ammas balaa wal fakkaatu nu mudachaa jira."jedha. Jalqaba magaalaa Kaartuum irraa ba’e achiis mooraa baqataa keessa buufate irraa baqattoota biro wajjiim bahee amma bulchiinsa naannoo Amaaraa - bakka milishoonni loltoota mootummaa federaalaa kan Itiyoophiyaa waliin waldhabdee keessa jiranti bosona keessatti daahatanii akka jiran dubbateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG