Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnii Saffisaa Kan Sudaan Hospitaala Irratti Haleellaa Gaggeessuun Saaminsa Gggeesse


Miseensonni kutaa humna ergama addaa waraana Sudaan Naannoo Kaabaa magaalaa Kaarimaa keessatti agarsiisa yeroo dhiheessan, Caamsaa 19, 2024.
Miseensonni kutaa humna ergama addaa waraana Sudaan Naannoo Kaabaa magaalaa Kaarimaa keessatti agarsiisa yeroo dhiheessan, Caamsaa 19, 2024.

Gareen humnoota saffisaa (RSF) jedhamu kan Sudaan keessatti waggaa tokkoo oliif lolaa ture dhukaasa banuun dhaabbata fayyaa naannoo Daarfuur dhiyaa keessatti argamu saamuun akka cufamu dirqisiisuu isaa gareen gargaarsa idil-addunyaa tokko beeksisee jira. RSF, Dilbata kaleessaa Hospitaala Kibbaa kan magaalaa guddoo bulchiinsa Daarfuur kaabaa al-Fasher keessatti argamu haleeluun hojjettoota tajaajiila fayyaa fi dhukkubsattoota irratti dhukaasa banuun isaa gareen dooktoroonni daangaa hin uggurree ykn Doctors Without Borders ibsi baaseen beeksiseera.

Kunis kan ta’e RSF magaalattii naannoo Daarfuur bal’aa ta’e keessatti bakka waraana isaaf isa dhumaa ta’e to’achuuf yaaluun haleellaa isaa cimsee yeroo itti fufetti. Lolli torban lamaaf baatii darbe keessa al-Faasher fi naannoo ishee keessatti geggeeffameen lubbuu namoota 120 caalaa galaafateera. Gama biraatiin waraanni kun gareewwan finciltootaa waliin wal ta’uun humna waloo ijaaruun magaalattii erga waldhabdeen kun jalqabee namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’an daahannaa godhatankana to’achuuf deemu.

RSF hospitaala keessaa dhukaasa banuun isaa waan nama aarsudha. Kun taatee adda baafamee mul’atu miti, sababiin isaas hojjettoonni fi dhukkubsattoonni torban hedduudhaaf haleellaa dhaabbata fayyaa kan irratti gama hundaan raawwatamu dandamataniiru, garuu hospitaala keessaa dhukaasa banuun sarara ka’amee darbuu dha,” jedhan Misheel Lakareet, itti gaafatamaan hojii hatattamaa kan Doctors Without Borders.

Yeroo haleellaan kun raawwatameetti gareen gargaarsaa fi ministeerri fayyaa Sudaan torban darbe dhukkubsattoota baasuu fi tajaajila yaalaa gara dhaabbilee birootti dabarsuu waan jalqabaniif dhukkubsattoonni 10 fi gareen yaalaa hir’achuu isaanii gareen gargaarsaa kun beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG