Riphee loltonnii Jihaadistii yeroo torbaan tokko hin guunne keessatti Baha Rippaabulika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti namoota 80 ol ajjeesaniirau jedhemee shakkama. Dubbii himaan humna waraana Koongoo Leteenaant Koloneel Mak Hazuukaay ibsa kennaniin Jimaata dabarsine kana Kaaba Koongoo naannooa Kivuu keessatti haleellaa garee Jihaadiistootaan fudhatameen lakkoofsi namoota du’anii 41 irra ga’uu ibsaniiru. Namoota gandoota Masalaa, Mappaasanaa fi Mahinii keessati ajjeefamaniif gamtaan humnoota dimookiraatawaa itti gaafatamummaa fudhatus jedhan. Humni gamtaa dimokiraatawaa kun garee Islaamummaaf amanammummaan qaba jedhee waadaa seene yeroo baay’ee haleellaa akkanaa raawwataa jiras jedhaniiru.
Walitti bu’insa humna waraanaa biyyatii fi Garee finciltootaa M 23 isa Ruwaandaan deeggaramu gidduutti uumameen namoonni kuma kurnootaan lakkaa’aman mana jireenyaa malee hafaniiru. Gareen Gamtaa Dimokirataawaa jedhamu kun biyya ollaa Yugaandaa ka’umsa kan godhate halleellaawwan torban darbe keessa haleellaawwan raawwataman dudduuba isatu jiras jedhaniiru dubbii himaan humna waraanaa Rippaabulika dimookiraatawaa Koongoo.
Dubbii himtuun dhimmoota alaa Gamtaa Awurooppaa Nabila Maasrali gareewwan shororkeessaa naannoo durumaanuu tasgabbii hin qabne keessatti to’annoo isaanii babbal’isuun jeequmsoota uumamanitti fayyadamaa jiru jettee kanaafis furmaanni siyaasaa hatattamaa barbaachisa jetteetti.
Forum