Bidiruun baqattoota Feeteettu qarqara galaanaa Yemanitti argamutti liqimfamuun yoo xiqqaate namoonni 49 du’uu fi kanneen 140 ta’animmoo dhabamuun barbaadamaa akka jiran Dhaabbanni godaantoota Idil Addunyaa Beeksiise. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni godaantoota Idil Addunyaa IOM akka beeksisetti bidiruu godaantoota feetee deemaa turte qarqara galaanaa Yemenitti liqimfamuu hordoofee namoonni 49 du’anii argamuu fi kanneen 140 ta’animmoo achi buuteen isaanii dhabamuu beeksiseera.
Godantoonni Bidiruu kanarratti fe’amanii turan 260 ta’uu kan Ibse dhaabbanni dhimma godaantoota Idil Addunyaa lammiilee Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa akka ta’anii fi Wiixata kaleessaa qarqara galaanaa Kibba Yemen irratti argamurratti liqimfamuun balaan kun akka qaqqabes ibsameera.
Ka’umsi godaantoota kanneenii Kaaba Somaaliyaa irraa akka ta’ee fi Imala Kiloomeetira 320 deemuun galoo galaana Aden cee’aa akka turte kan ibse IOM barbaachi namoota dhabamanii kibxata har’aas itti fufee akka jiru ibsuun namoonni 71 baraaramuus eereera. Namoota du’an keessaa 31 dubartoota yommuu ta’an ja’a immoo daa’immanidha.
Forum