Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xiyaarri Itti Aanaa Pirezidantii Maalaawwii Fe’attee Dhabamte Bosona Keessatti Kuftee Argamuu Pirezidaantiin Biyyattii Beeksisa


Hojjettoonni helikooptara humna qilleensaa Zaambiyaa AB-212 boorsaa qaamaa kan itti aanaa pirezidaantii Maalaawii Saawuloos Kilaawus Chilimaa keessa ture yeroo barbaadan, Waxabajjii 11, 2024.
Hojjettoonni helikooptara humna qilleensaa Zaambiyaa AB-212 boorsaa qaamaa kan itti aanaa pirezidaantii Maalaawii Saawuloos Kilaawus Chilimaa keessa ture yeroo barbaadan, Waxabajjii 11, 2024.

Wiixata kaleessaa xiyyaarri Itti aanaa Pireezidaantii Malaawwii Saawuloos Chilimaa , haadha warraa isaanii fi namoota Saddet biroo fe’ee ture toora to’annaa balallii jalaa badee ture bosona keessatti kufee caccabuu isaa Kibxata har’a mirkanaa’eera. Pireezidaantiin biyyattii Lazaarus Chaakweraa kibxata har’aa Teleeviziyoona biyyattiin akka ibsanitti gareen baraarsisootaa barbaacharra turan Xiyyaarri itti aanaa Pireezidaantii fe’ee ture bosona Chikaanwaa keessatti kufee guutummaan kan caccabeeru argamuu isaa ibsanii imaltoota Xiyyaaricha jiran keessaa namni lubbuun hafe akka hin jirres mirkaneessaniiru.

Ga’eessi ganna 51 Chilimaa fi namoonni isaan waliin xiyyaara humna waraanaa biyyattii irra turan ganama sa’aatii Sadii fi daqiiqaa 17 irratti magaalaa guddittii biyyattii Liloongiwee irraa gara magaalaa Kaaba biyyattii Mizuzuutti imalaa turan sababa haala qilleensaa badaa ta’een osoo buufata xiyyaaraa Mizuuzuu hin ga’iin gara magaalaa guddittii biyyattiitti akka deebi’an kan itti himamee fi erga ofirra deebi’ee yeroo muraasa boodas kallattiirraa baduun isa kan dhaga’ame.

Pireezidaantiin biyyattii Chaakweeraan balaa gaddisiisaa laphee nama cabsu jedhanii , Chiliman nama gaarii, abbaa of kennee fi abbaa warraa biyya isaa karaa adda ta’een tajaajila ture jechuun ibsaniiru.

Yeroo Jalqabaaf Bara 2014 tti itti aanaa pireezidantii ta’uun kan filatame Chilimaan Maalaawii keessatti keessumaa dargaggoota biratti nama baay’ee jaallatamuu fi filannoo pireezidaantumma bara dhufuurratti kaadhimamaa pireezidaantii ta’uun ni filatama jedhamee eegama ture.

Garuummoo bara 2022tti namoota biizinasii Biriiteen waliin malaammaltummaa hojjeteera jedhamuun shakkamuun hidhamee kan ture akkasumas aangoo isaarraa buufamee kan ture ji’a darbe manni murtii Maalaawii himannaa isaa kuffisuun gara aangoo isaatti deebi’uun hojii waajjiraatti kan seene.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG