Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaatti labsiin Kabajaa Ayyaanota Uummataa fi Ayyaanota Amantalee Mana-maree Bakka-bu’ootaa Biyyattiin Raggaasisame


 FAAYILII - Paarlaamaa Itoophiyaa, Finfinnee, Adoolessa 1, 2019.
FAAYILII - Paarlaamaa Itoophiyaa, Finfinnee, Adoolessa 1, 2019.

Manni Maree bakka bu’oota uummataa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa Idilee har’a gaggeesseen wixinee labsii Ayyaanota Uummataa fi haalaa kabaja isaaniirrttai ba’erratti marii’achuun raggaasiseera. Labsichi Ayyaanota kabajamanii oolanii fi yaadatamanii oolan akka biyyaaleessattii akkasumas guyyoota Ayyaana Amantaa akka biyyaatti kabajaman jechuun sadarkaa sadarkaa isaan tumaa itti taasiseera.

Akka labsii haaraa kanaatti Ayyaannooni Afur akka biyyaaleessatti kan kabajaman yommuu ta’an isanis Fulbaana tokko guyyaa simannaa waggaa haaraa Itiyoophiyaa, Guraandhala 23 guyyaa injifannoo Aduwaa, Eebila 23 guyyaa hojjettootaa nagaa addunyaa ykn dafqaan bultootaa fi Eebila 27 guyyaa goototaa ykn injifannoo dha.

Guraandhala 12 guyyaan wareegamtoo fi Sadaasni 29 guyyaan sabaa fi sab lammootaa immoo yaadatamuun kan dabarfaman ta’uu labsii kanaan tumameera.

Ayyanoota Amantaa akka biyyaatti kabajamanii oolan 8 adda kan baase labsiin haaraan kun Fulbaanni 17 guyyaa Masqalaa, Ayyaana dhalachuu Yesuus ykn Ayyaana Qillee, Ayyaana Cuuphaa , Ayyana guyyaa fannoo, Ayyaana guyyaa du’aa ka’uu Yessuus ykn Faasikaa, Ayyaana Iid Al’adihaa ykn Arefaa , Ayyaana Meewuliidii fi Ayyaana Iid Alfexiriidha.

Ayyaanota yaadatamanii oolan irratti waajjiraaleen mootummaas ta’e miti mootummaa tajaajila kan kennan yommuu ta’u Ayyaanota Uummataa fi Amantaa kabajamanii oolan irratti garuu manneen hojii mootummaas kan miti mootummaa cufaatti akka oolan labsiin haaraan ragga’e kun dangeesseera.

Labsiin haaraa kun ayyaanota naannoolee garaa garaa keessatti kabajaman maaliif keessatti hin hammanne jechuun miseensonni mana marichaa gaaffii kaasaniif Walitti qabduun koree dhaabbii Fayyaa , misooma hawwaasaa fi Ispoortii Aadde Warqisammuu Maammoo Ayyaanota sadarkaalee naannootti kabajamaniif

naannooleen ofii isaanii murteessuu akka qaban himanii kan labsii kana keessatti eeraman kanneen akka biyyaaleessaatti kabajaman qofa jedhaniiru.

Caamsaan 20 guyyaan Kufaatii dargii kanaan dura Itiyoophiyaa keessatti kabajamaa ture labsii haaraa ammaa kana keessa hin jiru jechuun Keneedii Abaateetu Finfinneerra gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG