Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Chaaginii Keessatti Walitti-bu’insa Uumameen Namoonni Shan Du’uun Himame


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa

Kibxata darbe Caamsaa 28 bara 2016 naannoo Amaaraa godina bulchiinsa Aawwii magaalaa Chaaginii ganda 01 keessatti walitti bu’iinsa humnootii nagaa eegisisan waliin uumameen namoonni shan ajjeefamuu soda nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan jiraataan magaalattii tokko VOAf ibsaniiru. Namoota ukkaamsanii butuu hedduun jiraachuu itti dabaluun kan eeran jiraataan kun, kanneen qe’ee ofii irraa buqa’an utuu hin hafin ni iggitamu jedhan.

Walitti dhukaasi Wixata darbee humnoonni nagaa eegsisan namoota gocha ukkaamsanii butuufi saamicha irratti bobba’uun shakkaman waliin kan geggeessan akka ture itti aanaa kantiibaan magaalaa Chaginii obbo Yibelxaal Se’id dubbataniiru. Obbo Yibelxaal naannoo sanatti namoota iggituu dhaan maallaqa guddaa gaafatu kanneen jedhamaniif namoota gocha iggituu raawwatan waliin walitti dhukaasuu uumameen lubbuun namootaa darbuu ibsaniiru.

Akkuma kanaan qabsoo nageenyaa filannoo godhatee godinicha keessa akka sosso’u kan ibsame dura taa’aan paartii biyyoolessaa Agaw Shangoo jedhamuu obbi Alaamirrew Yirdaaw, namoonni sun kan ajjeefaman yakkaan shakkamanii miti jedhu. Itti gaafatamaan waajjira nagaa fi nageenya bulchiinsa magaalaa Chaginii obbo Beqqelee Mekuriyaa gama isaaniin, namoota ukkaamsanii butuu fi saamichi jiraattota kana kan nuffisiise ta’uu tuqanii, qaamni nageenyaa kanneen yakka kana raawwatan hordofaa akka ture beeksisaniiru.

Eeruu jiraattota irraa kennameen shakkamtoota qabuuf walitti dhukaasa raawwatameen namoonni du’uu ibsaniiru. Dhimma kana ilaalchisuu dhaan angawoota bulchiinsa magaalaa Chaginii irraa ragaa kennameen ala, mootummaa naannoo Amaaraa biraa hanga yoonaa ragaan kenname hin jiru jedha gabaasi Asteer Misgaanaaw.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG