Bara 2023 keessa du’aa fi madaa’uu dabalatee hokkorri ijooleewwan irratti raawwate sadarkaa hamaa irraa gahuu isaa gabaasini dhaabbata mootumoota gamtoomanii beeksisee jira. Gabaasichii yeroo jalqabatiif ajjeechaa ijoollewaaniitiin walqabatee Israa’eliin , garee Hamaasii fi garee islaamiik Jahaad galmee guaracha keessa galchuu isaa kan ibsee maddi oduu AP, bara 2023 hokkorri hamaan 1721 ijooleewan 1526 irratti raawachuu isaa barreesaan muummee dhaabbata mootumootaa Antooniyoo Guteress ibsuu isaanii gabaaseera.
Lola Raashaa fi Yuukreenii walqabatee ijooleewan Yuukreen 80 du’uu isaanii fi ijooleewwan biroo 419 loltootaa Raashaa fi wareen biraatiin ajeefamuu isaanii kan ibsee gabaasnii mootumoota gamtoomanii kun,
Biyyoottan kanaan duraa galmee guaracha keessa jiran kan akka Afgaanistaan, Burkiina Faasoo, kaameruun, Repabiliikii walakeesaa Afrikaa, Kolombiyaa, koongoo, Iraaq, Maalii, Moozaambiik, Naajeriyaa, Philiipiin, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa , Sooriyaa, Yukreenii fi Yemen keessatti fooyya’insii mulachuu isaa barreesaan Muummee mootumoota gamtoomanii ibsuu isaanii APn dabalee beeksiseera.
Forum