Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeequmsa Naannoo Arbaamincitti Irra Deebiin Ka’een Walqabatee Namoonni Seeraan Ala To’atamaa Jiru Jedhame


Bulchiinsa naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamoo Aanaa naannoo Arbaamincitti gandoota saba Zeeyisee keessatti Jimaata darbe gaafa Caamsaa 30, bara 2016 kana jeequmsa ka’ee jiruun lubbuun namoota sahanii darbuu fi kaanimmoo madaa’uu Sgaleen Ameerikaa gabaasee ture. Jeequmsichaaf sababa kan ta’es Godina Gaamootti gandonni naannoo Arbaaminci caasseffama aanaa addaa waliin gaffii qaban irraa kan ka’edhas jedhameera. Jeequmsa kana hordofee namoonni yoo xiqqaate namoonni 60 to’annaa jala oolfamuu kan himan jiraattoonni Naanoo sanatti rakkoon nageenyaa har’as ittuma fufee jiraachuu kan himan jiraattoonni naannoo Sanaa lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan ga’uus himaniiru. Jimaata darbe kana namoonni Shanii du’uu fi kaan immoo madaa’uu Sagalee Ameerikaaf yaada kan kennan lubni waldaa Makaanayeesuusii Luba Asiree Faatee kan jedhaman qaamolee mootummaan hidhamuu isaanii haati warraa isaanii Aadde Taaddelech Binaasoo sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Namni biraan nageenya isaaniif sodaa qabanirraa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan walitti bu’insicha hordofee gandoota Saba Zeeyisee Afur keessatti namoonni ajaja mana murtiin alatti hidhamaa jiraachuu sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Rakkoo nageenyaa aanaa naannoo Arbaaminci jiru kanarratti yaada akka sagalee Ameerikaaf kennaniif bulchaa aanichaa kan ta’an Obbo Qaafee Qaafiraan bilbilaan gaafannaan qaamaan yoo dhuftan malee yaada hin kennu jedhaniiru.

Ajajaan Poolisii aanichaas bilbilli harkaa isaanii waan hin kaneef deebii isaanii argachuu hin dandeennye. Paartii Izeemaa bakka bu’uun buufata filannoo Aanaa saba Zeeyisee irraa parlaamaaf kan filatamaniiran sagalee Ameerikaatti akka himanitti jimaata darberraa kaasee Aanicha keessatti namoonni jumlaan hidhamuuf uummanni akka malee rakkoo keessa jira jedhaniiru jechuun Yonaattan Zabdiyoositu Hawaasaarraa gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG