Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti dhaabni dhimma baqattootaa gabaasa isaa isa bara 2024 akka addunyaatti baaseen hanga dhuma bara 2023tti namoonni miiliyoona 117.3 humnaan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru jedhe. Kanneen keessaas namoonni miiliyoona 68 sababoota jeequmsaan daangaa darbuun gara biyyoota birootti baqachuu kan ibse gabaasichi kaan isaaniimmoo biyyuma isaanii keessatti qe’ee isaaniirraa baqachuus ifoomseera. Namoonni miiliyoona 31 kanneen baqattoota ta’an yommuu ta’an kanneen miliiyoona kurnootaa ol ta’animmoo kanneen kooluu galtummaa barbaadan ykn kanneen biyya hin qabnedhas jedheera.
Gabaasni dhaabni dhimma baqattootaa Kamisa har’aa baase kun akka ibsutti namoonni humnaan akka baqatan taasisuun bara kanas itti fufee jiraachuu fi yeroo ammaa kanas lakkoofsi isaa akka Addunyaatti miiliyoona 120 irra ga’eeras jedheera.
Bara 2023 keessatti lammiilen Sudaan miiliyoona 10.8 sababa wal waraansaan qe’ee isaniirraa hummnaan baqachuuf dirqamaniiru kan jedhe gabaasichi namoonni miiliyoona 9.1 achuma Sudaan keessatti yommuu baqatan , kanneen miiliyoona 1.7 ta’animmoo daangaa qaxxaamuruun gara biyyoota birootti baqataniiru.
Walitti bu’insa Rippaabulika Dimokiraatawaa Koongoo keessa jiruunis bara 2023 keessatti namoonni miiliyoona 3.8 qe’ee isaaniirraa buqqa’uun baqataniiru. Maaynaamar Keessatti bara 2021 humni waraanaa biyyattii aangoo mootummaa fudhachuu isaa hordofee jeequmsa ka’ee jiruun bara 2023 keessatti namoonni miiliyoona 1.3 baqaaf saaxilamaniiru.
Gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii kun walitti bu’insoota dhaabbii hin qabne kan biyyoota akka Afgaanistaan, Siiriyaa, Yemen , Somaaliyaa , Veenzuweelaa fi Nikaaraguwaa keessaa lakkoofsa baqattootaa yeroo yerootti guddisaa jiraachuus ereera.
Forum