Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Walabummaa Inkaataa Afrikaa Kibbaa Mootummaa Gamtaa Paartii Kongireesii Biyyaalessa Afirikaa ANC’n Hundaa’utti Makamuufi Jedhe


Paartiin Walabummaa Inkaataa Afrikaa Kibbaa Mootummaa Gamtaa Paartii Kongireesii Biyyaalessa Afirikaa ANC’n Hundaa’utti Makamuufi Jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:38 0:00

Bu’aa filannoo walii galaa Afiriikaa Kibbaa isa gaafa Caamsaa 29 bara 2024 gaggeeffameen partiin siyaasaa sagalee dhibbeentaa 50 ol fide dhabamuu isaarraan kan ka’e paartiin sagalee irra jireessa argate Kongireesiin biyyaaleessa Afirikaa ANC’n mootummaa waloo hundeessuuf paartiilee kaan waliin dubbachaa kan jiru yommuu ta’u paartii Gamtaa dimokiraatawaa waliin walii galteerra ga’uun isaanii beekameera.

Paarlaamaan haaraan filatame jimaata boorii waxabajjii 14 yaa’ii isaa jalqabaa kan taasisu yommuu ta’u paartiin walabummaa Inkataa Afiriikaa IFP Roobii kaleessaa mootummaa waloo hundaa’utti akka makamu beeksiiseera. Hoogganaan paartichaa Velenkosini Hilabisa ibsa kenne keessatti qaamooleen mootummaa waloo kun akkam akka ta’an hanga ammaatti xumurarra ga’uu baatus waliin dubbiin garuu ammayyuu taasifamaa jiraachuu himeera.

Deeggartoonni paartii baay’een ANC kan waggoota 30 ‘f Afiriikaa Kibbaa bulchaa turee amma sagalee mootummaa isa taasisuu dhabuun paartii Gamtaa dimokiraatawaa waliin mootummaa waloo dhaabuuf walii galuu isaa mormaa jiru. Paartii mormituu isa cimaa ta’us paartii mirga warra Adiif falmudha jechuun kan isaan morman. Paartiin IFP hundeen isaa saba Zuuluu ta’e qaama mootummaa Waloo hundaa’uuf deemu kanatti yoo makame sodaa deeggartoonni paartii ANC qaban hir’isuu danda’a jedhu xinxaaltoonni.

Paartiin ANC ammas sagalee irra jireessa qabaachuu isaarraan kan ka’e Siyiiril Ramaafoosaa irra deebiin pireezedaantii biyyattii ta’uu danda’u bakkoonni murteessoo kanneen akka Afaan yaa’ii Paarlaamaa fi itti aanaa pireezidaantii garuu walii galtee paartileen kunneen taasisaa jiranitti kan murtaa’uufi jimaata booriis ni ifooma jedhamee eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG