Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hooggantoonni Biyyoota Toorbaa Garee G7 Jedhamuu Kora Isaanii Kamisa Har’aa Biyya Xaaliyaaniitti Jalqaban 


Jijjiiramni Mirga Leellisuu Awurooppaa Keessatti Mul'atu Karoora Baayiden Walga’ii G7 Irratti Dhiheessan Walxaxaa Taasisuu Mala
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:43 0:00

Hooggantoonni garee biyyoota torbaa isa G 7 jedhamuun beekamuu yaa’ii Isaanii guyyaa jalqabaa Kamisa har’aatiin qabenyaalee Raashiyaa Ugguraman doolaara Biiliyoona 50 gargaarsa Yuukireeniif kennuuf mariitti jiru.

Yaa’ii garee biyyoota G7 Xaaliyaaniitti taa’amaa jiru kan guyyaa jalqabaa Kamisa har’aa irratti Pireezidaantiin Yuukireen Voloodiyimiir Zeleeniskii kan affeeramaniiran yommuu ta’u Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisii Joo Baayiden ,akkasumas dureewwan biyyoota Xaaliyaanii , Biriiteen,Faraansaay, Jarman , Kaanadaa fi Jaappan irratti argamu. Garichi yaa’ii isa alanaa kanaanis maallaqa Raashiyaa baankii senteraal keessaa Doolaara biiliyoona 325 kanaan dura biyyoota lixaatiin akka hin sochoone dhorkaamee ture dhala isaarraa doolaara biiyoona 50 liqaa ariifachiisaan Yuukireeniin gargaaruuf kennuuf mariitti jiru.

Waayit Haawusiitti gorsaan nageenya biyyaaleessaa Jeek Suliivan oduu gabaastotatti akka himanitti hooggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiran kanneen ilaalcha waloo qaban murtoo waloorra ga’u jennee abdii qabna jedhaniiru. Waajjirri Pireezidantii Faraansay Imaanu’eel Maakiroon Roobii kaleessaa akka beeksiseettimmoo dhala maallaqa Raashiyaa dhorkaan irra taa’eerraa doolaara biiliyoona 50 Yuukireeniin gargaaruuf walii galteerra ga’ameera jedhee garuu hojii teekinikaa isaatti xumura taasisuu irratti ammayyuu hojii akka barbaadu ifoomseera.

Hooggantoonni biyyoota garee G7 gargaarsa biyyoota lamaanii kan garichaa fi Yuukireen biroo yaa’ii isaanii alanaatiin ni labsu jedhamees eegama. Pireezideent Joo Baayideenii fi Zeleneeskiin walii galtee nageenyaa Yuunaayitid Isteetisii fi Yuukireen mallatteessuuf kan jiran yommuu ta’u Biriiteen deeggarsa doolaara miiliyoona 310 Yuukireeniif taasisuuf jirti ni labsiti jedhamees eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG