Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Naannoo Itiyoophiyaa Gidduu Galeessaa Namoota 72 Hidhuu Isaa Beeksise


Bulchiinsi Naannoo Itiyoophiyaa Gidduu Galeessaa Namoota 72 Hidhuu Isaa Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:07 0:00

Waajira nagaa fi nageenyaa naannoo sanaaf itti gaafatamaa kan ta’an Obbo Tamasgeen Kaasaa akka jedhutti kanneen walitti bu’iinsa kakaasan jechuun ramadan kana abbootii qabeenyaa midiyaalee haawaasaa 72 hidhamuu har’a sagalee Amerikaaf beeksisan.Kan wabiin gadhiifaman akka jiranis ibsameera.

Maatiin namoota hidhamanii fi jiraattonni naannoo garuu shakkamtoonni hidhaman sababaa akkaataa hojii sirrii hin taanee qeeqanii fi gaaffii mirgaa waan dhiyeessaniif malee gocha seeraan alaatti kanneen hirmaatan miti jedhu.

Waajirri nagaa fi nageenyaa akka jedhutti mootummaan tarkaanfii kana kan fudhate maqaa sobaan akaawuntii banuun bulchiinsa naannoo sana keessatti walitti bu’iinsii akka ka’u akkasumas jibba kanneen lallabanii dha jedha.

Bulchiinsa naannoo sana keessatti fuula sabaa himaalee haawaasaa jiran 540 keessaa 276 gocha hammeenyaa irratti waan bobba’aniif jecha akka itti hin fayyadamnee ta’aniiru jechuun Yoonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irra gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG