Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga Egumsaa Tokkummaa Mootummootaa RSF Kan Jedhamu Gareen Humna Saffisaa Sudaan Akka Magaalaa El Faasher Hin Seenne Gaafatee Jira


FAAYILII - Namoota jeequmsa Daarfur keessaa dheeffani gaa Chaad imalan, Chaad, Hagayya 4, 2023.
FAAYILII - Namoota jeequmsa Daarfur keessaa dheeffani gaa Chaad imalan, Chaad, Hagayya 4, 2023.

Humnoonni Deeggarsa affisaa Sudaan(RSF) magaalaa guddoo Daarfuur Kaabaa El Fasher magaalaa ishee dhumaa Sudaan Daarfuur keessatti hafte Humnoota Waraanaa mootummaa Sudaan irraa fudhachuuf marsanii jiran akka dhaabaniif golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Kamisa kaleessaa gaafatee jira.

Gollii naga eegumsaa wixiinee mrtii Biriteen dhiyeessite sagalee 14-0n fudhatee jira. Raashiyaan kana irraa of qusatte. Tokkummaa Mootummoota Bakka Buutuu Dhaabbataa Yunaayitid Kingidam kan ta’an Barbara Woodward "Murteen kun fudhatamuun isaa ergaa ifa ta'e dabarsa. Kunis gollii naga eegumsaa akka Humnoonni Deeggarsa Saffisaa hatattamaan jeequumsa El-Fasher akka dhaabanii fi kannen keessaa harka qaba hundi isaanii akka tarkaanfii fudhachuun dhaabanii duubatti deebi’an gaafatee jira.

Haleellaan magaalattii irratti raawwatamu namoota miliyoona 1.5 magaalattii keessatti daahaatan balaa guddaa ta’a” jedhan. Kanneen dhimmi kana keessaa harka qaban martii gaaffii gola naga eegumsaa dhaggeeffachuu fi dhiisuu isaanii battalumatti ifa hin taanee.

Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaaddara Yunaayitid Isteetis Lindaa Toomaas Griin Fiild sagaleen kennamee kun bu’aan isaa haala lafa sana irratti argamuun kan madaalamu ta'a. Kanaaf ammoo gam lameen gaaffii Mana Maree kanaa dhaggeeffachuu qabu.Itti dhiyeenyaan hordofuuf jirra." Haalli lafarra jiru gara gaariitti yoo hin jijjiiramne immoo golli naga eegumsaa tarkaanfii dabalataa fudhachuu qaba jedhan.

Baatii Fulbaana dhufu uummata sudaan 4 keessaa harka 3 caalaan hanqiina nyaataa hamaan isa mudachuu akka maluu sagantaan Nyaata Addunyaa beeksisee jira.

Roobii dabree daayreektarri olaanaa jaarmayaa Fayyaa Addunyaa (WHO) Teediroos Adihaanoom rakkoo namoomaa addunyaa irratti isa guddaa ta’e kan Sudaan kanaan namoonni miliyoona 12 jireenya isaanii irraa buqqa’uu ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG