Naannoo Amhaaraa bulchiinsa godina saba Waagi Himiraa Aanaa Besaahilee Seyyemti ganda Bizaalaa keessatti torbaan darbe sababa beelaan namonin du’uu isaanii bulchaan gandichaa Obbo Maalledee Biree sagalee Ameerikaatti himaniiru. Godnatti waajjirri ittisa balaafi wabii nyaataa akka beeksiietti roobbni ooshima bara 2015/ 16 duubaatti harkifachuu isaarraan kan ka’e godinicha keessatti namoonni ja’a du’uu fi beelladni manaa Kuma kudhan du’uu isaanii ji’a mudde darbe keessa beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Bulchaan Aanaa Saahaalasyemti Obbo Siisaay Birruu har’a sagalee Ameerikaatti akka himanitti Aanicha keessa qabeenyi beelladaa baay’een jiraatus goginsichi itti fufee jiraachuu isaatiin lakkoofsi isaanii akka malee hir’achaa jira jedhanii ammayyuu beelladoonni baay’een du’aa jiru jedhaniiru. Beelichi aanicha keessatti hammachuu isaaf sababa goginsaatti aanee Konkolaatonni midhaan gargaarsaa fe’an sababa rakkoo nageenyaatiin gara kanatti iamluu diduu fi Riqichi laga Takazeerraa cabee ture ammayyuu hin hojjetamiin jiraachuu isaatis jedhaniiru.
Komishinarri Komishinii Ittisa balaa fi wabii nyaataa Naannoo Amhaaraa Diyaaqon Tesfaawu Baataabil midhaan nyaataa sabab riqichi laga Takazeerraa cabee jiruuf garasitti ergamuu akka hanqate sagalee Ameerikaatti himaniiru Jechuun Asteer Misgaanaawutu Baahiirdaar irraa gabaase.
Forum