Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namootni Jeequmsa Kakaasuun Shakkamanii To’annaa Poolisii Jala Jiran 9 Wabiin Akka Gadhiifaman Manni Murtii Ol’aanaa Federaalaa Murteesse


Namootni Jeequmsa Kakaasuun Shakkamanii To’annaa Poolisii Jala Jiran 9 Wabiin Akka Gadhiifaman Manni Murtii Ol’aanaa Federaalaa Murteesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:14 0:00

Jeequmsoota kakaasuutiin shakkamanii to’annaa jala oolfmanii beelama mana murtiitiin Poolisiin dhimma isaanii qorachaan jira jedheeru Hooganaa paartii Ihaappaa Zinaabuu Abarraa fi namoota galmee isaanii jalatti himatamaniiran sagal manni murtii olaanaa Federaalaa har’a wabii maallaqaan akka ba’an murteessuu isaa Abukaatoon shakkamtoota himatamtootaa Obbo Salamoon Gazzaayeenyi Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Labsii yeroo muddamaa naannoo Amhaaraatti labsameeru kan amma yeroon isaa dhumeeruun jeequmsa kakaasuun shakkamanii to’annaa jala kan oolfamaniiran himatamtoonni kunneen Mana murtii Federaalaa dhaddacha Araadaatti dhiyyachuun beellamni guyyoota 12 poolisiin kan irratti gaafatee ture mormuun Abukaatoon isaanii ol iyyannoo gafataniin kan mirgi wabii isaanii eegameef jedhaniiru Obbo Salamoon. Haala kanaanis namoonni Shan tokkoon tokkoon isaani maallaqa kuma soddoma, Arfan isaanii immoo tokkoon tokkoon isaanii maallaqa kuma digdama wabiin qabsiisuun akka gadhiifaman murtaa’uu kan ibsan Obbo Solomoon maatiin kaffaltii jedhame kana kaffaluun ajaja mana murtii qabatanii gara waajjira ppolisii geessanis har’a hanga sa’aatii 11 hin gadhiifamiin jirus jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG