Muummichi Ministiraa Israa’eel Kaabinee Waraanaa isaanii diiguu qondaalli olaanaan biyyattii tokko himaniiru. Gama biraatiinimmoo Gaazaa gama Kibbaatti halleellaa qilleensarraan fudhattu guyyaa guyyaa sa’aatiiwwan 11 f yeroof dhaabuu ishee beeksiifteetti Israa’eel.
Humni waraanaa Israa’eel Dilbata kaleessaa akka beeksisetti halleellaa boombii qilleensaarraan Hamaasirratti Gaazaa gama kibbaa keessatti fudhatu guyyaa guyyaa turtii sa’aatii 11 f yeroof dhaabeera jedha. Kanas kan taasise gargaarsi namoomaa lammiilee Paaleestiin beela’aniif gara sanatti dabarfamu akka dabaluufidha jedheera.
Hallellaan Israa’eel Kibba Gaazaatti yeroof dhaabe jette konkolaattoonni gargaarsa namoomaa fe’an bakkoota to’annaa Israa’eel jala jiran bakka daangaa Keerim Shaaloom akka ga’an kunis bakka galumsa gargaarsaa isa guddaa akka ta’ee , Konkolaatonni meeshaalee gargaarsaa nyaataa fi qoricha fe’an daandii saffisaa dhiyoo sana jirurra nagaadhaan akka socho’anii fi gargaarsa namoomaa kanas kutaalee Gaazaa birootti rabsuu kka danda’aniifidha jettee halleellicha garuu deebiseen itti fufas jetteetti.
Israa’eel daandii Kiloometira 12 qaburratti yeroof halleellaa boombii qilleensarraan fudhattu naannoo daangaa Rafaah tti yeroof dhaabuu haa beeksiftu malee hawwaasni Idil addunyaa michuu ishee Yuunaayitid Isteetisi dabalatee walii galtee dhukaasa dhaabuu akka taasisan dhiibbaa taasiisaa jiru. Gama Ministira Muummee Israa’eel Benjaamiin Netaan haayuutiinimmoo haalonnnii mul’atan waraanichi akka hin dhaabbannedha. Mootummaan Israa’eel Dilbata kaleessaa akka beeksiisetti hanga Hagayya 15 dhufuutti jiraattoota Kibba Israa’eel daangaa Gaazaa irraa baafamanii Hoteeloota fi manneen keessummaa keessa jiraniif Fandiin maallaqaa kennamu akka itti fufa jedheera.
Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii Israa’eel haleellaa sa’atiiwwan murta’aniif dhaabuu ishee gammachuun simachuu ibsee Gaazaa keessatti deeggarsa namoomaa taasisuuf Israa’eel tarkaanfiiwwan dabalataa fudhatti jennee abdanas jedheera.
Forum