Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Addunyaarratti Hidhannoo Niwuukiraalii Qaban Sagal Bara Darbe Waggaa Tokko Keessatti Doolaara Biiliyoona 91.4 Baasan Jedhame


FAAYILII - Suuraa Ministira Ittisaa Raashiyaatin Guraandhala 2, 2024 gadhiifme oggaa hojjattoonni misaa'elii qopheessan agarsiisu, Raashiyaa bakka in himamne irraa.
FAAYILII - Suuraa Ministira Ittisaa Raashiyaatin Guraandhala 2, 2024 gadhiifme oggaa hojjattoonni misaa'elii qopheessan agarsiisu, Raashiyaa bakka in himamne irraa.

Biyyoonni Addunyaarratti Hidhannoo Niwuukiraalii qaban Sagal bara darbe kana waggaa tokko keessatti doolaara biiliyoona 91.4 baasaniiru jedhe qorannoon dhaabbata duula farra Niwuukileeriin baase.

Gabaasni qorannoo dhaabbata farra Niwuukileerii ” ICAN” dhaan ba’e akka ibsutti biyyoonni akka addunyaatti hidhannoo niwuukilaarii qaban Sagal wagga darbe kana hidhawwan kanneenirratti fooyya’insa taasisuuf jecha baasii doolaara biiliyoona 91.4 ykn Secoondii tokko keessatti baasii doolaara kuma sadii baasaniiru jedhe.

Gaabasicha warra barreessan tokkoo kan taate fi Jeneevaatti ibsa gaazexeessitootaaf kan kennan Alishiyaa Saandeers Zaakiir biyyoonni maallaqa kana qisaaseessan waraana Niwuukileeriin mo’achuu akka hin dandeenye fi kongumaa waraanni niwuukileeriin taasifamuu hin qaban warra jedhaniinidha jette. Itti dabaluunis maallaqni silaa maanneen miiliyoona 12’f humna aannisaa qilleensaan socho’u fayyadamaa taasisuun baasii akka addunyaatti gama kanaan jiru dhibbeentaa 27 uwwisuun jijjirama qilleensaa akka addunyaatti yaaddoo ta’eeruuf furmaata ta’a tures jetteetti.

Baasiin bara 2023 keessa biyyoota hidhannoo Niwukilaarii qabaniin ba’e kun isa bara 2022 keessa baasaniin yommuu madalamus daballii doolaara biiliyoona 10.7 agarsiisera kan jedhe gabaasichi Yuunaayitid Istetisi qofaasheetti baasii doolaara biiliyoona 51.5 baasuun isa bara 2022 irraa dhibbeentaa 80 dabalteettis jedheera. Sdarkaa lammaffaarratti Chaayinaan doolaara biiliyoona 11.8 yommuu baastu sadarkaa sadaffaarratti Raashiyaan baasii doolaara biiliyoona 8.3 baasteetti.

Yuunaayitid Kiingidam doolaara biiliyoona 8.1 baasuun kana bara darbeerraa dhibbeentaa 17 ol guddisteetti. Biyyoonni Shan Faraansaay, Indiyaa, Israa’eel, Paakistaan fi Kooriyaan Kaabaa bakka tookkotti baasiin hidhannoo Humna Niwuukilaariif baasaan kan bara 2023 doolaara biiliyoona 11.6 dha jedheera gabaasiichi.

Akka xiinxalli ragaa sassabame agarsiisutti waggoota shanan darban keessatti akka Addunyaatti hidhannoo humna Niwuukilaariif baasiin doolaara biiliyoona 387 taasisfameera. Mallaqni waggoota shanan kana keessatti meeshaa waraanaa

namummaa hin qabnee fi nama balleessaan oomishuuf ba’e akkaan odabalaa jiraachuu nutti agarsiisa kan jette Alishiyaa Saandeer Zaakir maallaqni ba’u kun hundimmoo nageenya addunyaa kan fooyyeessu osoo hin taane bakka jiru hundaatti sodaachisaa kan ta’edhas jetteetti.

Akka Gabaasa dhaabbata ICAN kanaatti Oomisha, suphaa fi misooma humna waraanaa Niwuukilaarii kana keessatti biyyoonni 20 hirmaachaa jiru jedhe ammayyuu kontiraatni hojii doolaara biiliyoona 335 kan hin xumuramne hojiirra jira jedheera

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG