Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gujiitti Sababaa Wal-waraansa WBO fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Deemaa Jiruun Dhiittaan Mirga Namoomaa Mudatu Yaaddessaa Tahuun Himame  

Gujiitti Sababaa Wal-waraansa WBO fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Deemaa Jiruun Dhiittaan Mirga Namoomaa Mudatu Yaaddessaa Tahuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:19 0:00

Dhiittaan mirgoota namoomaa Godinaalee Gujii ammallee yaaddeessaa ta’uu dhaabbanni mirga namoomaaf falmu kan Wiirtuu Dagaagina Deemokrasii fi Mrigootaa jedhamu beeksisee jira. Befqaaduu Hayiluu, Daarektarri Ol’aanaan Wiirtuu Dagaagina Deemokrasii fi Morgootaa qorannoo ganna darbe kana Godina Gujii, Gujii Lixaa fi Boorana Bahaatti gaggeesse jedheen, ajjeechaa, gudeeeddii fi hidhaa dabalatee yakkoonni hedduun sababa walitti bu’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo fi Humnoota Nageenyaa mootummaa geggeessamuun baballataa akka jiru ibseera. Obbo Befqaaduun qaamoleen lameenis walitti bu’iinsa jidduu isaaniitti deemaa jiru kanaan rakkoo uummata mudate kana furuu yoo fedhan wal dubbii fi marii dhugaa gaggeessuu akka qaban dhaabbatichi, gabaasa Sanbata darbe ifoomseen gaafatee jira. Galmoo Daawit kana irratti gabaasaa dabalataa qaba.

Forum

XS
SM
MD
LG