Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Gambeelaa Nu'eer Nuer Keessatti Geejiibni Addaan Cituun Ibsamee


Faayilii- Magaalaa Gambeelaa
Faayilii- Magaalaa Gambeelaa

Bulchiinsa naannoo Gambeellaatti muddamsa itti fufee jiruun tajaajiilli geejiiba godiina Nuer addaan cituu isaa jiraattonni himanii jiru. Kunis Roobii dabree mootummaan buufatalee konkolaataa jiran keessaa isa “Niiw Laand ” isa jedhamu cufuuf erga murteessee booda.

Jiraattonni kunneen sagalee Amerikaaf akka himanitti, "Bufata konkolaataa Niiw Laand " irra caalaa ummata Nuer tajaajilaa ture. Garu mootummaan namoonni Nuer gara buufata Awutoobusa durii kan magaalaa Gambeellaa kan Anyuwaak keessatti argamutti akka deeman barbaada jedhu jiraattonni.

Haa ta'u malee, ummanni Nuer rakkoo nageenyaa waan sodaataniif jecha buufata konkolaataa durii deemuun tajaajila argachuu hin barbaadan. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Geejjibaa naannichaa Puot Wuol buufata konkolaataa durii sana keessa, sodaan balaan nageenyaa guddaan akka jiru amananiiru.

Miseensonni hawaasa Anywak gama isaaniitiin, mootummaan murtee akkanaa keessa osoo hin seenin dura hawaasa lamaan gidduutti araara buusuuf akkasumas nagaa fiduuf hojjechuu qaba jechuu isaanii Gabra Mikaa’el Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG