Naannoo Amahaara Godina Gondor lixaa aanaa Matammaatti torbaan darbe gaafa dilbata waxabajjii 9 bara 2016 Konkoolaataa deddebisa uummataa magaalaa Matammaa irraa gara Neggaadee Baahiritti deemaa ture irratti hidhattootaan haleellaa irratti fudhatameen lammii Sudaan tokko dabalatee lubbuun namoota sadii darbuu bulchaan aanichaa Obbo Daasaalenyi Moges sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Naannichatti hidhattonni namoota uukkamsuun fudhatan gochoota akkanaa raawwatu kan jedhan bulchaan aanichaa gaafa dilbata darbe kanas Ganda Maqa jedhamutti dhiyoo bakka jirutti dhukaasa hidhattoonni kunneen banan lubbuun namoota darbeera jedhanii hidhataan konkolaataa sana keessa ture tokko hidhattoota halleellaa konkolaataa geejjibaa kanarratti bananitti dhukaasaa tureeres jedhaniiru. Namoota du’an keessaas dubartiin Lammii Sudaan waraana achi keessaa baqachuun kan dhufteettuu fi lammiileen Itiyoophiyaa lama ajjeefamuu Itiyoophiyaatti tajaajjilli dhimma godaantotaa fi kan godaansarraa deebi’anii mirkaneesseera.
Naannoo Amhaaraa Godina Gondar buufatalee baqattoota Kumarii fi Awulaalaati kan argaman baqattoonni lammilee Sudaan baay’inni isaanii kuma saddeet akka ta’anidha. Naannichatti rakkoon nageenyaa uumamee waan jiruuf baay’een isaanii buufata baqattootaa sana keessaa ba’uun dandiirraa jiraachaa akka jiran dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeessan dhimma baqattootaa beeksiiseera.
Itiyoophiyaatti Tajaajilli dhimma godaansaa fi warra godaansaarra deebi’aniimmoo baqattoota buufatalee kanneen keessatti argaman gara bakkoota nageenyi isaa amansiisaa ta’eetti dabarsuuf hojjechaa akka jiru himeera jechuun Finfinneerraa Gebire Mikaa’eel G/ Medihiniitu gabaase.
Forum