Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siriyiil Raamaafoosaa Pireezidaantii Afiriikaa Kibbaa Ta’uun Marsaa lammaffaaf Har'a Hirbuu Seenan


Sirna hiruu seenuu prezidaant Siriyiil Ramaafoosaa
Sirna hiruu seenuu prezidaant Siriyiil Ramaafoosaa

Paartiin Kongireesii biyyaaleessaa Afiriikaa ANC’n filannoo gaafa Caamsaa 29 gaggeeffameen sagalee mootummaa hundeessuu isa dandeessisuu dand’u erga dhabeen booda walii galtee mootummaa waloo paartilee kaan waliin ta’uun hundeessuu irra ga’ameen Siriiyiil Ramaafoosaa ga’eessi ganna 71 irra deebi’uun marsaa lammaffaaf pireezidaantii Afriikaa kibbaa ta’uun Roobii har’aa kakuu raawataniiru. Seera tumtootaan filatamuun sirna kakuu kan raawwatan Ramaafoosaan haasaa dhageessisaniin Kun jalqabbii bara haaraati, filattoonni Afiriikaa Kibbaa paartiin siyaasaa tokkichi qofaasaa akka biyya bulchuuf aangoo guutuu nuuf hin kennine. Rakkoo isaanii furuu fi abdii isaanii galmaan ga’uuf waliin akka hojjennuuf qajeelfama nuuf kennaniru jedhan.

Sirna kakuu raawwannaa pireezidaantii Afiriikaa kibbaa har’a taasifamaa jirurratti Pireezidaantiin Naayijeeriyaa Bola Ahimed Tinibu, Pireezidaantii Angoolaa Jo’aa’oo Luweeriinkoo, Pireeziidaantiin Koongoo Braazaavil Denis Saassuu fi Mootiin Iswaatiin irratti argamaniiru.

Ramaafoosaan itti fufuun miseensota waloon mootummaa hundeessan waliin ta’uun Kaabinee mootummaa isaanii guyyoota dhufan keessatti ni beeksiisu jedhamee eegama.

Motummaa waloo Afirikaa kibbaatti hundaa’e kana paartilee ANC Kongireesii biyyaalessaa Afiriikaa, Gamtaa dimokiraatawwaa, paartii walabummaa Inkaataa, paartii Gamtaa sabboonummaa fi Paartii Guud ( Good party) waliin ta’uun kan hundeessanidha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG