Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin Har'a Kooriyaa Kaabaa Daawwachaa Jiru


Sirna Simannaa Prezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putin Prezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un Waxabajjii 19,2024 Piyoongyaang-tti taasisan
Sirna Simannaa Prezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putin Prezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un Waxabajjii 19,2024 Piyoongyaang-tti taasisan

Pireezidaantii Raaashiyaa Vilaadmiir Puutiin Roobii har’aa wayita Piyoongyaang ga’anitti simannaan guddaan kan taasifameef yommuu ta’u wal ga’ii hoogganaa Kooriyaa kaabaa Kiim Joong Uun waliin taasisaniinis biyyoonni lamaan biyyoota lixaa waliin wal dhabdee qabaniif tumsa waloo taasiisuuf walii galaniirus jedhameera.

Waliin dubbii hooggantoota biyyoota lamaanii dura sirna simannaa Puutiiniif taasifamerratti Puutiin “ Kallattii Yuukireen dabalatee Imaammata Raashiyaa wal irraa hin cinnee fi hin jijjiiramneef deeggarsa nuuf taasiftaniif hedduu dinqisiifanna, jechuunis qabsoo imaammata ol aantummaa Impeeriyaalistii Yuunaayitid Isteetisii fi saatelaayitoota isheen Federeeshinii Raashiyaa irratti taasiftuuf jechuun Kooriyaa kaabaa galateeffataniiru.

Kiim Joong Uun Hoogganaan Kooriyaa Kaabaas Mootummaan Rippaabilika Dimokiraatawaa Uummata Kooriyaa gahee fi ergama Federeeshiniin Raashiyaa humna guddaa qabuun tasgabbii fi madallii tarsimoo addunyaa eeguu keessatti tajaajila kenna jiru dinqisiifata jedhanii Mootummaan Raashiyaa hojii adda waraanaa Yuukireen keessatti abbaa biyyummaa, dantaa fi tasgabbii ishe eegsiisuuf raawwachaa jirtu guutummaa guutuutti ni deeggarras jedhaniiru.

Puutiin yeroo jalqabaaf daawwannaa mootummaa sa’atiiwwan 24’ f ture Kooriyaa kaabaatti kan taasisan yommuu ta’u Kiim Joong Uun gara Mooskootti dhufuun daawwannaa akka taasisaniifis affeeraniiru.

Walitti dhufeenyi Kooriyaa kaabaa fi Raashiyaa irra caalaatti kan mul’ate erga bara 2022 weerara Raashiyaan Yuukireenirratti raawwateen booda yommuu ta’u akka qondaaltoonni Yuunaayitid Isteetisi jedhanitti Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa dhiyyeessiti jechuun himatan Piyoongi yang fi Mooskoon garuu ni haalu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG