Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Aanaa Addaa Maareqoo Fi Guraagee Lixaa Keessattti Namoota Hookkaratti Shakke 88 Hidhuun Himame


Mootummaan Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Aanaa Addaa Maareqoo Fi Guraagee Lixaa Keessattti Namoota Hookkaratti Shakke 88 Hidhuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:10 0:00

Bulchiinsa mootummaa naannoo Gidduu galeessa Itiyoophiyaa aanaa addaa Maareqoo fi Godina Guraagee lixaa , Masqanitti namoota jeequmsa kaasaniiru jedhamuun shakkaman 88 hidhuu biiroon bulchiinsaa fi nageenyaa naannichaa beeksiise. Jiraatoonnimmoo namoonni seeran ala mootummaan hidhamaa jiru jechuun himatu.

Bulchiinsa mootummaa naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaatti hooganaan biiroo nageenyaa fi tasgabbii obbo Tamasgeen Kaasaa sagalee Ameerikaatti bilbilaan akka himanitti jeequmsoota aanaa addaa Maareqoo fi godina Guraagee naannoo Masqanitti ka’ee ture hordofee namoonni shakkaman 88 to’annaa jala oolfaniiru jedhan.

Namni maqaan isaanii sababa sodaa nageenyaa qabaniif akka hin himamne gaafatan tokko immoo qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota mana hidhaa seensisaa kan jiran seera malee fi osoo ajaja mana murtii hin qabaatiidha jedhaniiru. Namni biraan haaluma wal fakkaatuun maqaa isaanii ibsuu hin feene namoonni lakkoofsi isaanii hedduu ta’an manneen hidhaa Hosaa’inaa, Buttaajiraa fi Walqixxee keessatti seeraan ala hidhamanii jiru jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Aanaa addaa Maareqoo fi Godina Guraagee lixaa gidduutti gaaffii eenyummaa fi gandoota sagala anaaf ta’a gaafii jedhuun jequumsoota waggoota lakkoofsisaniin lubbuu namoota baay’ee darbuuf sababa ta’uu fi qabeenyi hedduun barbadaa’uun namoonni hedduun qe’ee isaaniirraa buqqa’anii turuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama Jechuun Hawaasaa irraa Yoonaatan Zabdiyoosi gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG