Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ityoophiyaatti Wixineen Labsii Baankiiwwan Biyyoota Alaatiif Investimentii Eyyamu Qophaa’e


FAAYILII - Paarilaamaan Itoophiyaa bajata bara 2023/24 irratti oggaa mari'atu, Waxabajjii 8, 2023.
FAAYILII - Paarilaamaan Itoophiyaa bajata bara 2023/24 irratti oggaa mari'atu, Waxabajjii 8, 2023.

Baankiiwwan biyyoota alaa gara Itiyoophiyaa seenanii Inveestimantii taasisuu akka danda’an kan isaan taasisu wixineen labsii Baankii biyyaaleessa Itiyoophiyaan qophaa’e har’a Mana maree bakka bu’oota uummataa Itiyoophiyaaf dhiyaatee mariirn irratti taasifama jedhamee kan ture garuu mariin osoo irratti hin taasifamiin hafeera.

Baankoonni biyyoota alaa Itiyoophiyaa keessatti Investimentii akka taasisan eeyyamuu dhiisuun baankoota biyyoota keessa gidduutti dorgommiin kalaqaa fi tajaajilota haaraatiin dhufuun isaanii xiqaa waan ta’eef akka labsichi barbaachise kan ibse baankiin biyyaaleessa Itiyoophiyaa baankoonni biyya alaa gara Itiyoophiyaatti dhufanii akka hojjetan eeyyamuun guddina diinagdee biyyattiif faayidaa qabaatas jedheera.

Wixineen labsichaa har’a mana maree bakka bu’oota uummataaf dhiyaate Kutaawwan 11 fi keeyyatoota 94 kan qabu yommuu ta’u kutaa 3ffaa jalatti lammileen biyyoota alaa Inveestimantii baankii keessatti haala hirmaachuu danda’anirratti bal’inaan kaa’eera. Haala kanaanis Baankiin biyya alaa kamiyyuu abbaa qabeenyumaa guutummaa guttuutti qabaatu ykn gar-tokkoon waajjira isaa hundeessuu , ykn damee isaa banchuu fi Aksiyoona baankii akka bitatu akka isa dandeessisu wixinee labsichaarratti ibsameera.

Kana malees Baankilee biyyoota alaa kan hin taane lammileen biyya alaa ykn dhaabboliin Itiyoophiyaa keessa jiran kan lammiilee biyyoota alaan qabamanii jiran Aksiyoona baankii qabaachuu akka dand’anis wixinee labsii kanarratti ibsameera.

Wixineen Labsichaa mana maree bakka bu’oota uummataa bira ga’ee sabaa himaaleefis kan qoodame yommuu ta’u, manni marichaa har’a marii irratti taasisuun gara koree dhaabbii dhimmi isaa ilaallattutti dabarsa jedhamee eegamaa ture osoo irratti hin marii’atiin hafeera. Keneedii Abaatee Finfinneerra erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG